MAREE MACAAFA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼE
Ayyaanni Yaadannoo Duʼa Yesus Kabajamu Kan Qabu Maaliifi?
Mareen armaan gaditti dhihaate, fakkeenya maree Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin godhan argisiisu dha. Mee dhugaa Baatuun Liyaa jedhamtu tokko gara mana dubartii Badhaatuu jedhamtu tokkoo akka dhaqxetti haa yaadnu.
‘KANA SEENAA KOOTIIF GODHADHAA!’
Liyaa: Akkam jirta, Badhaatu? Torban darbe Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus irratti argamuu keetti gammadeera. * Sagantichi akkam ture?
Badhaatuu: Saganticha irratti argamuun koo na gammachiiseera; dhugaa dubbachuuf garuu, barumsa dhihaate guutummaatti hin hubanne. Namoonni gaafa Ayyaana Qillee guyyaa dhalootaa Yesus akka kabajan, gaafa Faasikaa immoo duʼaa kaʼuu isaa akka kabajan beeka. Duʼa isaa utuu kabajanii garuu dhagaʼee hin beeku.
Liyaa: Dhugaa dha; Ayyaana Qillee fi Faasikaa kabajuun addunyaa mara irratti beekamaa dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu duʼa Yesus yaadachuun barbaachisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Daqiiqaa muraasa yoo qabaatte, sababa itti ayyaana kana kabajnu utuun sii ibsee natti tola.
Badhaatuu: Tole, daqiiqaa muraasa hin dhabu.
Liyaa: Dhugaa Baatonni Yihowaa yaadannoo duʼa Yesus kan kabajan, Yesus akkas akka godhan duuka buutota isaa waan ajajeefi dha. Mee halkan Yesus duʼuu isaa dura turetti wanta taʼe tokkon sitti hima. Waaʼee irbaata addaa inni duuka buutota isaa amanamoo taʼanii wajjin nyaatee dhageessee beektaa?
Badhaatuu: Irbaata inni yeroo dhumaatiif isaanii wajjin nyaate jechuu keetii?
Liyaa: Sirrii dha. Irbaata Gooftaas jedhamee ni waamama. Yeroo sanatti Yesus duuka buutota isaatiif qajeelfama ifa taʼe kenneera. Yaada inni dubbate, Luqaas 22:19 irraa nuu dubbisuu dandeessaa?
Badhaatuu: Tole. “Buddeenas fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, cabsee isaaniifis kennee, ‘Kun dhagna koo ti isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!’ jedhe.”
Liyaa: Galatoomi. Wanta Yesus dhuma caqasa kanaa irratti dubbate hubadhu. “Kanas seenaa kootiif godhadhaa!” jedhe. Yesus duuka buutonni isaa akka isa yaadatan dubbachuu isaa dura, waaʼee isaa maal yaadachuu akka qaban ibseera. Duuka buutota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee akka kennu dubbateera. Yesus yaada kanaa wajjin wal fakkaatu Maatewos 20:28 irrattis dubbateera. Caqasichi, “Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf kennuuf dhufe malee” jedha. Gabaabaadhumatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa waggaatti duʼa Yesus yaadachuuf kan walitti qabaman kanaafi; jechuunis, aarsaa furii inni dhiheesse yaadachuufi dha. Duuti isaa namoota ajajamoo taʼan hundaaf jireenya argamsiisa.
FURIIN KAN BARBAACHISE MAALIIFI?
Badhaatuu: Namoonni Yesus kan duʼe jireenya akka argannuuf akka taʼe yeroo dubbatan nan dhagaʼa. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu, kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu naaf hin galu.
Liyaa: Akkas kan dhagaʼamu si qofaatti miti Badhaatu. Yaadni furii Yesusii wajjin wal qabatu gadi
fageenya qaba. Garuu kun dhugaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiranii fi nama gammachiisan keessaa isa tokko dha. Akkami saʼaatiin kee gaʼee?Badhaatuu: Daqiiqaa muraasa qaba.
Liyaa: Baayʼee gaarii. Tibba kana mata duree furii wajjin wal qabate dubbisaan ture; mee karaa salphaa taʼeen sii ibsuuf nan yaala.
Badhaatuu: Tole.
Liyaa: Waaʼee furii sirriitti hubachuu akka dandeenyutti, mee jalqaba Addaamii fi Hewwaan jannata keessatti cubbuu hojjechuun isaanii haala akkamii akka uume haa ilaallu. Dhimmi kun rakkina akkamii akka fide hubachuuf, mee Roomaa 6:23 waliin haa dubbisnu. Caqasa kana dubbisuu dandeessaa?
Badhaatuu: Tole. Akkas jedha: “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu duʼa; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”
Liyaa: Galatoomi. Mee caqasa kana gadi fageenyaan haa ilaallu. Yaada jalqabaa caqasichaa argitee? “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu duʼa” jedha. Kun seera salphaa Waaqayyo jalqaba seenaa ilmaan namootaa irratti baase dha; Beenyaan ykn adabbiin cubbuu duʼa dha. Jalqaba irratti namni cubbamaa taʼe tokko iyyuu hin turre. Addaamii fi Hewwaan mudaa hin qaban turan; kanaaf ijoolleen isaan irraa dhalatanis mudaa kan hin qabne taʼu turan. Kanaafuu, namni tokko iyyuu sababii itti duʼu hin qabaatu ture. Addaam, Hewwaanii fi sanyiin isaanii hundi gammachuudhaan bara baraaf jiraachuu ni dandaʼu turan. Haa taʼu malee, akkuma beeknu haalli isaa akkasitti itti fufeeraa?
Badhaatuu: Lakki. Addaamii fi Hewwaan ija mukaa isa akka hin nyaanne dhorkaman irraa nyaataniiru.
Liyaa: Sirrii dha. Yeroo akkas godhanitti, jechuunis yeroo Waaqayyoof ajajamuu dhiisuuf filatanitti cubbuu hojjetan. Karaa biraatiin, mudaa kan qabanii fi cubbamoota taʼuu filatan. Filannoon isaanii kun Addaamii fi Hewwaan irratti qofa utuu hin taʼin sanyii isaanii hunda irratti rakkina kan fidu dha.
Badhaatuu: Maal jechuu kee ti?
Liyaa: Yaada kana fakkeenya tokkotti fayyadameen sii ibsa. Buddeena tolchitee beektaa?
Badhaatuu: Eeyyee!
Liyaa: Mee, eelee haaraa bitatte haa jennu. Haa taʼu malee, yeroo tokko illee utuu ati itti hin fayyadamin waa irratti kufee, si jalaa baqaqse. Yeroo ati eelee kana irratti buddeena tolchitu maaltu taʼa? Buddeenichi mallattoo baqaqaa eelee sanaa fudhatee hin baʼuu?
Badhaatuu: Eeyyee! Fudhatee baʼa.
Liyaa: Haaluma wal fakkaatuun Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu diduuf yeroo filatanitti, “baqaqaa” godhatan ykn cubbuu raawwachuudhaan mudaa kan qaban taʼan. Cubbamoota kan taʼan ijoollee godhachuu isaanii dura waan taʼeef, ijoolleen isaanii hundi mallattoo “baqaqaa” sanaa fudhatanii dhalatu. Jechuunis, hundi isaanii cubbamoota taʼanii dhalatu. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi “cubbuu” jedhu gocha qofa utuu hin taʼin, wanta nuti dhaalles ni argisiisa. Kanaaf, gochi isaanii kun, anii fi ati wanta balleessine qabaachuu baannus, akkasumas yeroo Addaamii fi Hewwaan cubbuu hojjetanitti jiraachuu baannus, nuttis taʼe sanyii isaanii fi sanyii keenya hundatti jireenya mudaa qabuu fi cubbuu isa duʼa geessisu fideera. Akkuma Roomaa 6:23 irratti dubbisne, adabbiin cubbuu duʼa dha.
Badhaatuu: Ani kun sirrii natti hin fakkaatu. Sababa cubbuu Addaamii fi Hewwaan hojjetaniin ilmaan namootaa hundi bara baraaf kan dhiphatan maaliifi?
Liyaa: Dhugaa kee jette, haalli isaa sirrii hin fakkaatu. Haa taʼu malee, mee yaada dabalataa haa ilaallu. Waaqayyo murtoo mudaa hin qabne dabarseera. Addaamii fi Hewwaan sababa cubbuu isaaniitiin akka duʼan kan murteesse taʼus, nu warra sanyii isaanii taaneef abdii kenneera. Waaqayyo rakkina jalaa miliquun hin dandaʼamne kana jalaa karaa itti baanu nuu qopheesseera. Qophii inni godhe aarsaa furii Yesusi dha. Mee Roomaa 6:23 irra deebiʼi ilaali. Caqasichi “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu duʼa” akka taʼe erga dubbatee booda itti fufuudhaan, “Kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” jedha. Kanaaf, cubbuu fi duʼa jalaa akka baanuuf karaa kan nuu bane duʼa Yesusi dha. *
FURII—KENNAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA
Liyaa: Caqasa kana irraa yaadni ani akka ati hubattu barbaadu kan biraanis jira.
Badhaatuu: Maal inni?
Liyaa: Caqasichi “Kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” akka jedhu hubadhu. Lubbuu isaa nuuf dabarsee kennuuf jecha kan dhiphatee fi kan duʼe Yesus erga taʼee, caqasni kun furichi ‘kennaa Waaqayyoo’ akka taʼe kan dubbatu maaliifi? ‘Kennaa Yesus’ maaliif hin jedhamne? *
Badhaatuu: Ani hoo hin beeku.
Liyaa: Addaamii fi Hewwaaniin kan uume Waaqayyo dha; yeroo jannata keessatti ajajamuu didanitti kan isaan cubbuu hojjetan isa irratti. Yeroo ijoolleen isaa warri jalqabaa kun lamaan isa irratti fincila kaasanitti baayʼee gaddee taʼuu qaba. Haa taʼu malee, Yihowaan yeruma sana furmaata tokko kenne. * Uumamawwan isaa hafuuraa keessaa inni tokko gara lafaa dhufee, nama taʼee akka jiraatuu fi dhuma irrattis lubbuu isaa aarsaa godhee akka kennu karoorse. Kanaaf, furiin dhugumaan kennaa Waaqayyoo ti. Sababiin aarsaan furii kennaa Waaqayyoo ti itti jennu kan biraanis jira. Yeroo Yesus ajjeefametti wanta Waaqayyotti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu yaaddee beektaa?
Badhaatuu: Lakki, yaadee hin beeku.
Liyaa: Fuuldura kanatti ashaanguliitiiwwan nan arga, ijoollee qabda fakkaata!
Badhaatuu: Eeyyee, dhiira tokkoo fi durba tokkon qaba.
Liyaa: Akka haadha tokkootti, yeroo Yesus duʼetti Yihowaa isa abbaa isaa isa samii taʼetti maaltu dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu mee yaadi. Ilmi isaa inni inni baayʼee jaallatu yeroo qabamu, yeroo itti gaʼifamuu fi kaballaadhaan yeroo rukutamu maaltu isatti dhagaʼame laata? Ilmi isaa muka irratti mismaaraan rukutamee dhiphatee yeroo duʼu Abbaa isaa kanatti maaltu dhagaʼame laata?
Badhaatuu: Baayʼee dhiphatee taʼuu qaba. Kanaan dura waaʼee kanaa yaadee hin beeku!
Liyaa: Dhugaa dha, wanta Waaqayyotti dhagaʼamee ture guutummaatti beekuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, miira akka inni qabuu fi kun akka taʼu kan heyyame maaliif akka taʼe beekna. Yaadni kun caqasa baayʼee beekamaa taʼe irratti, jechuunis Yohannis 3:16 irratti haala namatti toluun ibsameera. Nuu dubbisi mee maaloo?
Badhaatuu: Akkas jedha: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”
Aarsaan furii karaa Waaqayyo akka nu jaallatu itti argisiise keessaa isa hunda caalu dha
Liyaa: Galatoomi. Hima jalqabaa irra deebiʼii ilaali. Waaqayyo ‘biyya lafaa akka jaallate’ dubbata. Wanti guddaan jaalala dha. Jaalalli, Waaqayyo nuuf jedhee Ilma isaa isa tokkicha gara lafaatti akka ergu isa kakaaseera. Aarsaan furii karaa Waaqayyo akka nu jaallatu itti argisiise keessaa isa hunda caalu dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa yaadannoo duʼa Yesus kabajuuf waggaa waggaadhaan kan walitti qabaman kanaafi. Akkami ibsi ani sii kenne si gargaareeraa?
Badhaatuu: Eeyyee. Yeroo fudhattee yaada kana waan naa ibsiteef sin galateeffadha.
Yaadni Macaafa Qulqulluu gaaffii sitti uume jiraa? Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan ykn amantii isaanii wajjin haala wal qabateen wantoota isaan raawwatan beekuu barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko gaafachuu irraa duubatti hin jedhin. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma akkasii irratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.
^ KEY. 5 Dhugaa Baatonni Yihowaa aarsaa Yesus kaffale yaadachuudhaaf waggaatti siʼa tokko Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa ni kabaju. Waggaa kana ayyaanni kun Jimaata, Bitootessa 25, 2007 (Ebla 3, 2015) irra oola.
^ KEY. 32 Mata dureen itti aansuudhaan mata duree itti fufiinsaan baʼu kana jalatti baʼu, aarsaan furii Yesus cubbuu jalaa bilisa kan nu baasu akkamitti akka taʼee fi furicha irraa fayyadamuuf maal gochuu akka qabnu ibsa.
^ KEY. 36 Macaafni Qulqulluun akka jedhutti Waaqayyoo fi Yesus qaama garaa garaa lama dha. Odeeffannoo dabalataatiif boqonnaa 4ffaa kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee ilaali.