MATA DUREE FUULA JALQABAA | ABBOOTIIN FARDEENII ARFAN—GULUFUUN ISAANII JIJJIIRAMA SI IRRATTI FIDU QABAA?
Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?
Abbootiin fardeenii arfan eenyummaan isaanii kan hin beekamnee fi kan nama sodaachisan fakkaatanis, dhugaan isaa garuu akkas miti. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, Kitaabni Qulqulluunii fi wantoonni bara keenyatti raawwataman abbootiin fardeenii kun maal akka argisiisan ifatti hubachuuf nu gargaaru. Gulufni isaanii kun rakkinni hedduun akka dhufu kan argisiisu taʼus, kun sii fi maatii keetiif misiraachoo taʼuu dandaʼa. Kun akkamitti taʼuu dandaʼa? Mee jalqaba, abbootiin fardeenii kun maal akka argisiisan haa qorru.
ISA FARDA ADII GULUFU
Mulʼatichi akkana jechuudhaan jalqaba: “Anis nan arge, kunoo, fardi adiin tokko jira ture; inni isa irra taaʼes futtaasaa xiyya ittiin darbatan qaba ture; gonfoon isaaf ni kenname, innis moʼaa fi moʼicha isaa xumuruuf baʼe.”—Mulʼata 6:2.
Inni farda adii gulufu eenyu? Wanti eenyummaa isaa beekuuf nu gargaaru Kitaabuma Mulʼataa keessatti ibsameera; kitaabichi gara dhumaa isaa irratti isa farda kana gulufu “Dubbii Waaqayyoo” jedhee isa waameera. (Mulʼata 19:11-13) Maqaan ulfinaa Dubbicha jedhu kun, Yesuus Kiristoos isa bakka Waaqayyoo buʼee dubbatu argisiisa. (Yohaannis 1:1, 14) Kana malees, “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa,” akkasumas “Amanamaa fi Dhugaa” jedhamee waamameera. (Mulʼata 19:16) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus mootii goota taʼe dha; akkasumas aangoo isaa karaa dogoggoraatiin ykn karaa nama hacuucuun itti hin fayyadamu. Taʼus, gaaffiiwwan tokko tokko ni kaʼu.
Yesuus akka moʼu aangoo kan isaaf kenne eenyu? (Mulʼata 6:2) Daaniʼel raajichi, Masiihichi inni “ilma namaa” jedhame, “Isa bara baayʼee dheeraa jiraate,” jechuunis Yihowaa * biraa ‘gooftummaa, ulfinaa fi mootummaa’ yommuu fudhatu mulʼataan argeera. (Daaniʼel 7:13, 14) Kanaaf, Yesuusiif aangoo, akkasumas mirga bulchuu fi murtoo kennuu kan kenne, Waaqayyo Isa Hundumaa Dandaʼu dha. Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee halluu adii qajeelummaa argisiisuuf waan itti fayyadamuuf, fardi adiin waraana Ilmi Waaqayyoo haqaan raawwatu kan bakka buʼu taʼuun isaa sirrii dha.—Mulʼata 3:4; 7:9, 13, 14.
Abbootiin fardeenii kun gulufuu kan jalqaban yoomi? Yesuus inni farda isa jalqabaa gulufu, gulufa isaa kan eegalu yommuu gonfoo fudhatu akka taʼe hubadhu. (Mulʼata 6:2) Maarree Yesuus samii irratti Mootii taʼee gonfoo isaa kan fudhate yoomi? Akkuma duʼaa kaʼee gara samiitti deebiʼetti hin turre. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus yeroo sanaa kaasee yeroo itti bulchuu jalqabu eegaa akka ture ibsa. (Ibroota 10:12, 13) Yesuus, mallattoo yeroon inni eegaa ture sun yoom akka xumuramuu fi bulchiinsi isaa samii irratti yoom akka jalqabu argisiisu, duuka buutota isaatti himeera. Jalqaba bulchiinsa isaatti haalli addunyaa caalaatti hammaachaa akka adeemu dubbateera. Yeroo sanatti waraanni, hanqinni nyaataa fi golfaan ni taʼa. (Maatewos 24:3, 7; Luqaas 21:10, 11) Waraanni Addunyaa inni Tokkoffaan bara 1914tti kaʼee yeroo muraasa booda, ilmaan namootaa yeroo rakkinaan guutamee fi Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamutti akka seenan ifa taʼe.—2 Ximotewos 3:1-5.
Haa taʼu malee, Yesuus bara 1914tti gonfoo isaa erga fudhatee booda, haalawwan fooyyaʼuu mannaa caalaatti hammaachaa kan deeman maaliifi? Sababiin isaas yeroo sanatti Yesuus bulchuu kan jalqabe, samii irratti malee lafa irratti hin turre. Yeroo sanatti waraanni samii irratti kan kaʼe siʼa taʼu, Yesuus inni Mootii haaraa taʼee muudamee fi Mikaaʼel jedhame, Seexanaa fi jinniiwwan isaa gara lafaatti darbate. (Mulʼata 12:7-9, 12) Seexanni inni gara lafaatti darbatame, yeroo gabaabaan akka isaaf hafe waan beekeef yeroo sanaa kaasee dheekkamsa guddaadhaan guutameera. Waaqayyo yeroo dhihootti Seexana irratti tarkaanfii fudhachuudhaan fedha isaa lafa irratti ni raawwachiisa. (Maatewos 6:10) Mee amma abboonni fardeenii sadan kaan, “guyyoota dhumaa” rakkinaan guutame keessa akka jiraannu kan mirkaneessan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Abbaa fardaa isa jalqabaa Yesuusiin argisiisu irraa haala adda taʼeen, abbootiin fardeenii sadan sun qaama tokko utuu hin taʼin, haalawwan guutummaa hawaasa ilmaan namootaa irratti dhiibbaa godhan argisiisu.
ISA FARDA DIIMAA GULUFU
“Fardi diimaa kan biraan ni baʼe; inni isa irra taaʼes namoonni akka wal gorraʼaniif nagaa akka lafa irraa fuudhu aangoon isaaf kenname, goraadee guddaan tokkos isaaf kenname.”—Mulʼata 6:4.
Abbaan fardaa kun waraana argisiisa. Nagaa kan fudhatu biyyoota muraasa irraa utuu hin taʼin, guutummaa lafaa irraa akka taʼe hubadhu. Bara 1914tti seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif addunyaa maratti waraanni ni jalqabe. Itti aansuudhaanis waraanni addunyaa inni lammaffaan caalaatti badii guddaa geessise ni kaʼe. Bara 1914 kaasee namoonni waraanaa fi walitti buʼiinsaan ajjeefaman, walumaa galatti miliyoona 100 ol akka taʼan tilmaamama! Kana malees, namoonni hedduun kaan immoo hirʼinni qaamaa guddaan isaan irra gaʼeera.
Bara keenya kanatti waraanni hammam babalʼateera? Seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif namoonni ilmaan namootaa lafa irra jiran hunda balleessuuf humna waan qaban fakkaata. Dhaabbileen nagaa eegsisna jedhan, kan akka Mootummoota Gamtoomanii jiran illee, abbaa fardaa isa farda diimaa gulufaa jiru kana dhaabsisuu hin dandeenye.
ISA FARDA GURRAACHA GULUFU
“Anis nan arge, kunoo, fardi gurraachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe harka isaatti madaallii qabatee ture. Sagaleen uumamawwan jiraatoo arfan sana gidduudhaa kan dhufe fakkaatu tokkos, ‘Qamadii kiiloo tokko dinaaree tokkoon, garbuu kiiloo sadii dinaaree tokkoon; zayitii ejersaa fi daadhii wayinii hin miidhin’ yommuu jedhu nan dhagaʼe.”—Mulʼata 6:5, 6.
Abbaan fardaa kun beela argisiisa. As irratti hanqinni nyaataa waan uumameef qamadiin kiiloo tokko dinaaree tokkoon akka gurguramu kan ibsame siʼa taʼu, jaarraa jalqabaatti dinaareen tokko miindaa guyyaa tokkoo ture! (Maatewos 20:2) Garbuun inni qamadii gadi akka taʼetti ilaalamu immoo, diinaaree tokkoon kiiloo sadiitu bitama ture. Namni maatii balʼaa qabu midhaan kana akkamitti maatii isaa waliin gaʼuu dandaʼa? Akkasumas, zayitii ejersaa fi daadhii wayinii akka qusatan kan akeekkachiise siʼa taʼu, bara sanatti wantoonni kun, wantoota buʼuuraa akka taʼanitti ilaalamu turan.
Bara 1914 kaasee abbaan fardaa inni gurraachi gulufaa akka jiru ragaa argisiisu argaa jirraa? Eeyyee! Jaarraa 20ffaatti namoonni miliyoona 70 taʼan sababii beelaatiin duʼaniiru. Gabaasni tokko akka tilmaametti, “bara 2012-2014tti uummata addunyaa keessaa miliyoona 805 kan taʼan, jechuunis namoota sagal keessaa tokko nyaata gaʼaa akka hin arganne.” Gabaasni kan biraan tokko, “Namoonni sababii beelaatiin waggaa waggaadhaan duʼan namoota walitti qabaatti dhukkuboota Eedsii, busaa fi daranyoo sombaatiin duʼan irra ni caala” jedheera. Namoota beelaʼan nyaachisuuf carraaqqii guddaan godhamus, abbaan farda gurraachaa gulufuu isaa itti fufeera.
ISA FARDA DAALACHA GULUFU
“Anis nan arge, kunoo, fardi daalachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼes maqaan isaa Duʼa jedhama ture. Awwaallis itti dhihaatee isa duukaa buʼa ture. Isaanis goraadee dheeraadhaan, hanqina nyaataatiin, dhaʼicha cimaadhaan, bineensota lafaatiin akka namoota ajjeesan kutaa lafaa harka afur keessaa harka tokko irratti aangoon isaaniif kenname.”—Mulʼata 6:8.
Abbaan fardaa inni arfaffaan namoota sababii golfaa fi sababa biraatiin duʼan argisiisa. Bara 1914 booda utuma baayʼee hin turin, dhukkubni Ispaanish filuu jedhamu namoota miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman galaafateera. Namoonni miliyoona 500 taʼan, jechuunis namoota yeroo sanatti addunyaa irra turan 3 keessaa 1 dhukkuba kanaan qabamee akka ture tilmaama!
Haa taʼu malee, Ispaanish filuun isa jalqabaa qofa ture. Hayyoonni tokko tokko akka tilmaamanitti jaarraa 20ffaatti namoonni miliyoona 300 ol dhukkuba maariyyeetiin (smallpox) duʼaniiru. Yeroo harʼaatti illee, gama yaalii fayyaatiin sadarkaa guddaa irra kan gaʼame taʼus, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Eedsii, daranyoo sombaa fi busaadhaan dhumaa jiru.
Waraanni, beellii fi golfaan dhuma irratti duʼa geessisuun isaanii hin oolu. Awwaalli utuu wal irraa hin kutin namoota duʼan walitti sassaabaa jira.
YEROO GAARIIN NI DHUFA!
Yeroon rakkinaan guutame kun dhiheenyatti ni xumurama. Yesuus inni bara 1914tti ‘moʼaa baʼe,’ Seexana gara lafaatti kan darbate taʼus, yeroo sanatti moʼicha isaa akka hin xumurre yaadadhu. (Mulʼata 6:2; 12:9, 12) Yesuus yeroo dhihootti, waraana Armaagedoon irratti dhiibbaa Seexanaa fi namoota Diyaabiloosiin deggeran ni balleessa. (Mulʼata 20:1-3) Yesuus abbootii fardeenii gulufan sana sadan dhaabsisuu qofa utuu hin taʼin, miidhaa guddaa gulufni isaanii kun geessise hunda ni sirreessa. Akkamitti? Mee abdii Kitaabni Qulqulluun kennu ilaali.
Bakka waraanaa nagaatu dagaaga. Yihowaan “hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha, iddaa in cabsa, eeboos in hurreessa.” (Faarfannaa 46:9) Namoonni nagaa jaallatan garuu, “nagaa guutuutti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Faarfannaa 37:11.
Bakka beelaa, nyaata hedduutu jiraata. “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu; iji inni kennus akka kan Libaanon haa bargaagu.”—Faarfannaa 72:16.
Dhaʼichii fi duuti badee, namoonni hundi fayyaa guutuu fi jireenya bara baraa argatu. Waaqayyo, “imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—Mulʼata 21:4.
Yesuus yeroo lafa irra turetti, wanti gara fuulduraatti bulchiinsa isaa jalatti raawwatamu maal akka fakkaatu argisiiseera. Nagaa babalʼiseera, dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman nyaachiseera, warra dhukkubsatan fayyiseera, akkasumas warra duʼan illee duʼaa kaaseera.—Maatewos 12:15; 14:19-21; 26:52; Yohaannis 11:43, 44.
Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo gulufni fardeen kanaa xumuramutti akkamitti of qopheessuu akka dandeessu sitti argisiisuun isaan gammachiisa. Afeerraa isaan caalaatti akka barattu siif dhiheessan ni fudhattaa?