AMANTII DUBBII WAAQAYYOO IRRATTI QABDAN CIMSADHAA
Amantii Dubbii Waaqayyoo Irratti Qabdan Cimsadhaa
Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenya ni jijjiira. (Ibr 4:12) Haa taʼu malee geggeessaa, qajeelfamaa fi gorsa isaa irraa fayyadamuuf, dhugumaan “dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa amannee fudhachuu qabna. (1Ta 2:13) Amantii Kitaaba Qulqulluu irratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?
Guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu murtaaʼe dubbisi. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu ragaa Yihowaan Abbaa Kitaabichaa taʼuu isaa argisiisu argachuuf carraaqi. Fakkeenyaaf, gorsa Kitaaba Fakkeenyaa keessa jiru yommuu dubbistu ogummaan isaa yeroon kan itti hin darbine akka taʼe hubachuuf yaali.—Fak 13:20; 14:30.
Piroojektii qoʼannaa qabaadhu. Ragaawwan Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamuu isaa argisiisan akka gaariitti hubadhu. Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe keessaa mataduree guddaa “Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalatti “Hafuura Waaqayyootiin Barreeffame” isa jedhu ilaali. Odeeffannoo Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Kutaa Dabalataa A3 jalatti argamu qoruudhaan, ergaan Kitaaba Qulqulluu akka hin jijjiiramne amantii qabdu cimsachuu dandeessa.
VIIDIYOO AMANTII KAN QABAANNE MAALIIFI? DUBBII WAAQAYYOO IRRATTI JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA
-
Qorannaan girgiddaa mana qulqullummaa Kaarnaak isa Gibxii keessatti argamu irratti godhame, Dubbiin Waaqayyoo dhugaa taʼuu isaa kan nuuf mirkaneessu akkamitti?
-
Ergaan Kitaaba Qulqulluu akka hin jijjiiramne akkamitti beekna?
-
Kitaabni Qulqulluun hanga yoonaatti jiraachuun isaa Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?—Isaayyaas 40:8 dubbisi