Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yaalii Fayyaa Hatattamaatiif Ammuma Qophaaʼaa

Yaalii Fayyaa Hatattamaatiif Ammuma Qophaaʼaa

Qophaaʼuu kan qabnu maaliifi? Akkuma tasaa yaalii fayyaa hatattamaa gochuun ykn hospitaala ciisuun nu barbaachisa taʼa. Kanaafuu, yaaliin fayyaa hatattamaa si barbaachisuu isaa dura, yaalii fayyaa gaarii akka argattuuf qophii si gargaaruuf godhame irraa guutummaatti fayyadami. Akkas gochuudhaan, lubbuu fi seera Yihowaan dhiiga ilaalchisee kenneef kabaja akka qabdu argisiista.—HoE 15:28, 29.

Qophaaʼuuf maal gochuu dandeessa?

  • Of eeggannoodhaan, akkasumas kadhannaadhaan Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa (DPA) guuti. a Babalʼistoonni cuuphaman kaardii kanaa fi ijoollee isaanii xixinnoo taʼaniif immoo Kaardii Eenyummaa (ic) obboleessa kutaa barreeffamaa hojjetu irraa fudhachuu dandaʼu

  • Ulfa yoo taate, qajeelfama Odeeffannoo Haadholii Ulfa Taʼaniif Qophaaʼe (S-401) jedhamu akka siif kennan jaarsolii gumii kee gaafadhu. Qajeelfamni kun yeroo ulfa taate jirtuu fi yeroo daʼumsaatti dhimmoota yaalii fayyaa wajjin walqabatan irraatti murtoo gaarii gochuuf si gargaara

  • Yaaliin fayyaa dhiigaa fudhachuu wajjin wal qabatu yoo si mudate ykn hospitaala ciisuun yoo si barbaachise, dursi jaarsolii gumii kee beeksisi, akkasumas Dhugaa Baatonni Yihowaa si gaafachuuf yoo dhufan akka isaan simattu hospitalichatti himi

Jaarsoliin gargaarsa gochuu kan dandaʼan akkamitti? Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa guutuu irratti si gargaaruu dandaʼu. Haa taʼu malee, yaalii fayyaa wajjin walqabatee murtoo siif hin godhan, akkasumas dhimmoota filannaa dhuunfaatiif dhiifaman irratti yaada mataa isaanii siif hin kennan. (Rom 14:12; Ga 6:5) Yaaliin fayyaa dhiiga fudhachuu wajjin wal qabatu akka si barbaachisu jaarsolii gumii keetti yoo himte, isaan dafanii Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu (HLC) siif haasofsiisu.

Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu gargaarsa gochuu kan dandaʼu akkamitti? Obboloonni koree kana keessaa hojjatan, namoonni yaalii fayyaa fi seera irra hojjatan ejjennoo Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga ilaalchisee qaban akka hubatan isaan gargaaruuf leenjiʼaniiru. Yaaliiwwan fayyaa dhiiga malee taasifaman ilaalchisee ogeessa fayyaa si walʼaanu wajjin mariʼachuu dandaʼu. Barbaachisaa taanaan, ogeessa fayyaa dhiiga malee si walʼaanuuf fedhii qabu akka argattu si gargaaruu dandaʼu.

VIIDIYOO YAALII FAYYAA DHIIGAA WAJJIN WAL QABATU IRRATTI MURTOO GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Yaalii fayyaa hatattamaa dhiiga fudhachuu wajjin wal qabatuuf qophaaʼuu irratti viidiyoo kana irraa maal baratte?

a Barumsi 39​ffaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu yaalii fayyaa dhiiga fudhachuu wajjin walqabatee yaada gaarii murtoo gochuuf si gargaaru qabateera.