AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yihowaan Rakkoowwan Keenya Keessatti Nu Gargaara
Guyyoota dhumaa kana keessatti rakkoowwan ulfaatoo taʼan hedduun nu mudatu. Yeroo tokko tokko rakkoowwan nu irra gaʼan dandamachuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, gara Yihowaatti dhihaachuu keenya yoo itti fufne, inni rakkoowwan baayʼee ulfaatoo taʼan illee akka dandamannu nu gargaaruu dandaʼa. (Isa 43:2, 4) Yeroo rakkinni nu irra gaʼu Yihowaatti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?
Kadhannaa. Yommuu wanta garaa keenya keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaasnu inni nagaa fi cimina miiraa rakkoo keenya dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna.—Flp 4:6, 7; 1Ta 5:17.
Walgaʼiiwwan. Yeroo kam iyyuu caalaa nyaanni hafuuraa Yihowaan walgaʼiiwwan irratti nu kennus taʼe jajjabinni achitti karaa obboloota keenyaa nuuf kennu nu barbaachisa. (Ibr 10:24, 25) Yommuu walgaʼiiwwan keenyaaf qophoofnu, irratti argamnuu fi hirmaannaa goonu, gargaarsa hafuura Yihowaa irraa guutummaatti fayyadamna.—Mul 2:29.
Tajaajila. Tajaajila keenya irratti akka gaariitti hirmaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone ilaalcha sirrii qabaachuun nuuf salphata. Akkasumas michummaa Yihowaa wajjinis taʼe obboloota keenyaa wajjin qabnu cimsanna.—1Qo 3:5-10.
VIIDIYOO YIHOWAAN ISIN SIMATA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Maluun yeroo rakkinni ishii irra gaʼa turetti wanti Yihowaatti dhihaattee jiraachuuf ishii gargaare maalidha?
-
Akkuma Maluu yaanni Faarfannaa 34:18 irratti argamu yeroo rakkinni nu irra gaʼutti kan nu jajjabeessu akkamitti?
-
Muuxannoon Maluu yeroo rakkinni nu irra gaʼutti Yihowaan ‘humna humna caalu’ akka nuuf kennu kan argisiisu akkamitti?—2Qo 4:7