BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Dargaggoonni Milkaaʼina Akka Argatan Isaan Gargaaraa
Daawit, Solomoon gargaarsa Yihowaatiin ijaarsa mana qulqullummaa sirriitti toʼachuu akka dandaʼu hubatee ture (1Se 22:5; w17.01 29 key. 8)
Daawit, Solomoon Yihowaatti amanamuudhaan wanta barbaachisu akka raawwatu isa jajjabeesseera (1Se 22:11-13)
Daawit Solomooniin gargaaruuf wanta dandaʼu hunda godheera (1Se 22:14-16; w17.01 29 key. 7; fakkii qola isaa irra jiru ilaali)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Dargaggoota gumii koo keessa jiran milkaaʼinaa fi gammachuu akka argatan gargaaru kanan dandaʼu akkamitti?’—w18.03 11-12 key. 14-15.