Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Ijoolleen Keessan Akka Milkaaʼan Gargaaruuf Dhugaawwan Buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti Fayyadamaa

Ijoolleen Keessan Akka Milkaaʼan Gargaaruuf Dhugaawwan Buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti Fayyadamaa

Warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleen isaanii tajaajila Yihowaa keessatti gammachuu fi jireenya eebba qabu akka argatan barbaadu. Warri dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii ijoollee isaanii leenjisuudhaan akka milkaaʼan isaan gargaaruu dandaʼu.—Fak 22:6.

  • Ijoolleen keessan isin wajjin dubbachuun akka isaaniif salphatu godhaa.—Yaq 1:19

  • Fakkeenya gaarii isaaniif taʼuudhaan isaan barsiisaa.—Kes 6:6

  • Dhaabbataadhaan Waaqeffannaa dhugaa irratti hirmaadhaa.—Efe 6:4

VIIDIYOO MANA JABAATEE DHAABATU IJAARAA—“AKKA ITTI JIRAACHUUN TAʼU” IJOOLLEE KEESSAN BARSIISAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARGAMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Warri sababa qabeeyyii akka taʼan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

  • Warri dhugaa buʼuuraa Yaaqoob 1:19 irra jiru hojii irra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?

  • Warri yeroo rakkinni uumamutti maal gochuu dandaʼu?