Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Tibba Ayyaana Yaadannootti Galma Baafadhaa

Tibba Ayyaana Yaadannootti Galma Baafadhaa

Waggaa waggaadhaan sabni Yihowaa Ayyaana Yaadannoo waliin kabajuuf hawwiidhaan eeggatu. Torbeewwan Ayyaanicha duraa fi booda jiranitti, carraawwan addaa Yihowaa isa furicha kennaa godhee nu kenne jajachuu fi galateeffachuuf nuuf banamanitti fayyadamuu barbaanna. (Efe 1:3, 7) Fakkeenyaaf, namoonni ayyaanicha irratti akka argaman affeeruuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Obboloonni tokko tokko immoo jiʼa Bitootessaa fi Eblaatti gargaaraa qajeelchaa taʼuudhaan saʼaatii 30 ykn 50 deebisuuf haala isaanii mijeessu. Tibba Ayyaana Yaadannootti gumaacha tajaajila irratti gootu guddisuu barbaaddaa? Milkaaʼina argachuuf maaltu si gargaara?

Yeroo baayʼee dursinee yeroo karoorfannu wanta hedduu raawwachuu dandeenya. (Fak 21:5) Tibbi Ayyaana Yaadannoo dafee waan gaʼuuf karoora baafachuu jalqabuu kan qabnu ammadha. Tibba Ayyaana Yaadannootti tajaajila kee balʼifachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaadi, akkasumas galma kee irra gaʼuudhaaf wanta gochuu dandeessu irratti xiinxali. Achiis Yihowaan carraaqqii kee akka siif eebbisu kadhadhu.—1Yo 5:14, 15.

Tibba Ayyaana Yaadannootti karaawwan tajaajila kee balʼifachuu itti dandeessu tokko tokko yaaduu dandeessaa?