Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yaada Waaqayyoo Barbaadaa

Yaada Waaqayyoo Barbaadaa

Wanta goonu hundaan Yihowaa gammachiisuu barbaanna. (Fak 27:11) Akkas gochuuf yeroo seerri ifa taʼe ykn ajajni nu qajeelchu hin jiraannetti illee murtoo yaada Yihowaatiin akka geggeeffamnu argisiisu gochuu qabna. Kana gochuuf maaltu nu gargaara?

Dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu Qoʼadhu. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu hundatti Yihowaa wajjin yeroo dabarsaa jirra jechuudha. Akkaataa Yihowaan saba isaa itti qabe qoruudhaan, akkasumas fakkeenya namoota akka ilaalcha isaatti wanta gaarii ykn gadhee raawwatanii irratti xiinxaluudhaan yaada isaa barachuu dandeenya. Yeroo murtoo gochuun nu barbaachisuutti, hafuurri qulqulluun barumsaa fi qajeelfama Dubbii Waaqayyoo irraa baranne akka yaadannu nu gargaara.—Yoh 14:26.

Qorannaa godhi. Yeroo murtoo gochuun si barbaachisutti akkana jedhii of gaafadhu ‘Caqasa ykn seenaa Kitaaba Qulqulluu isa kamtu ilaalcha Yihowaan dhimma kanaaf qabu hubachuuf na gargaara?’ Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhu, kana malees dhugaawwan buʼuuraa haala keetiif taʼan argachuu fi hojii irra oolchuuf meeshaalee qorannaa afaan keetiin argamanitti fayyadami.—Fr 25:4.

VIIDIYOO ‘JABINAAN FIIGUU’ QABNA—NYAATA MADAALAMAA NYAADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleettii viidiyoo kana irra jirtu irra dhiibbaa akkamiitu gaʼe?

  • Dhiibbaan walfakkaatu yeroo isin mudatu dandamachuuf meeshaalee qorannaatti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?

  • Murtoo gaarii gochuuf yeroo ramadnee yommuu qorannaa fi qoʼannaa dhuunfaa goonu kan fayyadamnu akkamitti?—Ibr 5:13, 14