Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Akkuma Haala Isaatti Akkaataa Dhiheenyaa Keenya Jijijjiiruu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Akkuma Haala Isaatti Akkaataa Dhiheenyaa Keenya Jijijjiiruu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon, namoonni akaakuu hundumaa ‘bishaan jireenyaa tola akka fudhatan’ affeeraa jiru. (Mul 22:17) Bishaan fakkeenyaan ibsame kun, qophii Yihowaan ilmaan namootaa ajajamoo taʼan cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baasuuf godhe hunda kan argisiisu dha. Namoota aadaa fi amantii gara garaa qaban gargaaruuf, “misiraachoo bara baraa” karaa dhuunfaatti isaan hawwatuun isaaniif lallabuu qabna.—Mul 14:6.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Mata duree fi caqasa garaa namoota naannoo tajaajilaa keessan jiran tuqu filadhaa. Maree fakkeenya taʼu filachuu ykn wanta yommuu itti fayyadamtan buʼaa isiniif argamsiise kan biraa filachuu dandeessu taʼa. Mata dureenii fi caqasni namoota hedduu biratti fudhatama argate isa kami? Oduun yeroo dhihoodhaa asitti namoonni hedduun irratti duddubachaa jiran jiraa? Wanti dhiira ykn dubartii tokko hawwatu maali dha?

  • Namoota nagaa gaafachuudhaan ykn aadaa naannoo keessanitti baramaa taʼeen maree keessan jalqabaa.—2Qo 6:3, 4

  • Nama fedhii argisiisetti argisiisuu akka dandeessaniif barreeffamootaa fi viidiyoowwan Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiran sirriitti beekaa

  • Barreeffamootaa fi viidiyoo qooqa namoota naannoo tajaajilaa keessan keessatti argamaniin qophaaʼan buufadhaa qabadhaa

  • Wanta dubbattan akka nama haasofsiistan sanaaf taʼutti jijjiiraa. (1Qo 9:19-23) Fakkeenyaaf, namni hasoofsiistan sun dhiheenyatti nama jaallatu duʼaan akka dhabe yoo beektan maal isaan jettu?

VIIDIYICHA ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Babalʼisichi nama haasofsiisuu sanaa wajjin dhimma kam irratti mariʼachuu jalqabe?

  • Namni haasofsiifamu sun wanti akkamii isaa mudate jira?

  • Caqasni haala kanaaf caalaatti gaarii taʼe isa kami? Maaliif?

  • Wanti dubbattan namoota naannoo keessan jiran akka hawwatu gochuuf akkaataa dhiheenyaa keessan jijjiiruu kan dandeessan akkamitti?