“Dhugaa Baatonni” Ajjeefamanii Turan ‘Lama’ Gara Jireenyaatti Deebiʼan
-
‘Dhugaa baatota lamaan’: Garee xinnoo miseensoota obboloota dibamoo taʼaniin hundeeffamee fi yeroo Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti hundeeffametti adda durummaadhaan hojicha geggeessaa ture
-
Ajjeefamuu: “Uffata gaddaa uffatanii” waggaa sadii fi walakkaadhaaf lallabaa erga turanii booda yeroo mana hidhaa galanii fi dirqamaan sochii akka hin goone dhowwamanitti ‘ajjeefamaniiru’
-
Gara jireenyaatti deebiʼuu: Guyyaa sadii fi walakkaa inni fakkeenyaan ibsame yommuu xumuramutti, mana hidhaatii gadhiifamanii hojii lallabaa adda durummaadhaan geggeessuu isaanii yommuu itti fufan gara jireenyaatti deebiʼaniiru