Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Lafti ‘Laga Sana ni Liqimsite’

Lafti ‘Laga Sana ni Liqimsite’

Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo adda addaatti bulchitoonni addunyaa saba Yihowaa gargaaraniiru. (Iz 6:1-12; As 8:10-13) Bara keenyattis “lafti,” jechuunis bulchitoonni bakka adda addaatti argamanii fi hamma tokko gaarii taʼan, ariʼatama “laga” jedhamee fi Seexanni kakaasu yeroo liqimsu argineerra. (Mul 12:16) Yihowaan inni ‘Waaqa fayyisu’ taʼe, yeroo tokko tokko bulchitoota ilmaan namootaa kakaasuudhaan saba isaatiif boqonnaa akka argamsiisan gochuu dandaʼa.—Far 68:20; Fak 21:1.

Sababii amantii keetiin mana hidhaa yoo galte hoo? Yihowaan haala keessa jirtu akka ilaalu matumaa hin shakkin. (Uma 39:21-23; Far 105:17-20) Amantii argisiisteef akka eebbifamtuu fi amanamummaan ati argisiiste obboloota kee addunyaa mara irra jiran akka jajjabeessu mirkanaaʼaa taʼi.—Flp 1:12-14; Mul 2:10.

VIIDIYOO OBBOLOONNI KOORIYAA MANA HIDHAATII GADHIIFAMAN JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboloonni keenya Kooriyaa Kibbaa jiranii fi kumaan lakkaaʼaman waggoota hedduudhaaf hidhamaa kan turan maaliifi?

  • Obboloonni keenya tokko tokko akka hiikaman kan taasise murtoon akkamii kennamuu isaa ti?

  • Obboloota keenya addunyaa mara irra jiranii fi sababii amantii isaaniitiin yeroo ammaatti hidhamanii jiran gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

  • Bilisummaa yeroo ammaatti qabnu kam iyyuu akkamitti itti fayyadamuu qabna?

  • Injifannoo gama murtiitiin arganneef adda durummaadhaan galateeffamuu kan qabu eenyu dha?

Bilisummaa dhuunfaatti argadhe akkamittan itti fayyadamaa jira?