Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sadaasa 16-22

LEWWOOTA 4-5

Sadaasa 16-22

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • Yihowaadhaaf Isa Hunda Irra Caalu Kenni”: (Daq. 10)

    • Lew 5:5, 6—Namoonni cubbuu guddaa hojjetan aarsaa sababii yakkaatiif dhihaatuuf hoolaa ykn reʼee dhiheessuu qabu turan (it-2-E 527 key. 9)

    • Lew 5:7—Namoonni hiyyeessota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe hoolaa ykn reʼee dhiheessuu hin dandeenye, gugee horaa ykn gugee sosokkee lama dhiheessuu dandaʼu turan (w09 7/1 31 key. 3)

    • Lew 5:11—Namoonni baayʼee hiyyeessota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe gugee horaa ykn gugee sosokkee illee dhiheessuu hin dandeenye immoo, daakuu bullaaʼaa eefaa harka kudhan keessaa tokko dhiheessuu dandaʼu turan (w09 7/1 31 key. 4)

  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 10)

    • Lew 5:1—Yaadni caqasa kanaa Kiristiyaanotaaf kan hojjetu akkamitti? (w16.02 30 key. 14)

    • Lew 5:15, 16—Namni tokko ‘yaada malee wantoota Waaqayyoof qulqullaaʼoo taʼan balleessuudhaan kan yakku’ akkamitti taʼuu dandaʼa? (it-1-E 1130 key. 2)

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa Yihowaa, tajaajila dirree ykn qabxii kan biraa ilaalchisee barumsa akkamii argatte?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Lew 4:27–5:4 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 81

  • Waggoota 60f Qajeelchitoota Taʼanii Wajjin Tajaajiluu—Wanta Gargaarsa Yihowaatiin Qofa Dandaʼamu: (Daq. 15) Viidiyicha taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu: Taakaakoo fi Hisaakoon tajaajila isaaniitiin mirgawwanii fi gammachuu akkamii argataniiru? Taakaakoon dhibee fayyaa akkamiitiin rakkachaa turte? Wanti ishii gargaare hoo maali? Gammachuu dhugaa kan isaaniif argamsiisee fi wanta qabanitti gammadanii akka jiraatan kan isaan gargaare maali? Muuxannoon obboleettota kanaa, yaadni caqasoota armaan gadii dhugaa taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti? Fakkeenya 25:11; Lallaba 12:1; Ibroota 6:10.

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30 ykn isaa gad) rr Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame” fi “Ibsa Qabiyyeewwan Addaa

  • Yaada Xumuraa (Daq. 3 ykn isaa gad)

  • Faarfannaa 95 fi Kadhannaa