Yihowaadhaaf Isa Hunda Irra Caalu Kenni
Israaʼel keessatti hiyyummaan, namni kam iyyuu Yihowaa wajjin nagaa akka hin uumne gochuu hin dandeenye. Israaʼelonni baayʼee hiyyeeyyii taʼan illee, kennaan isaanii wanta qaban keessaa isa hunda irra caalu hamma taʼetti Yihowaa duratti fudhatama ni qabaata ture. Daakuu kennuu ni dandaʼu turan; taʼus Yihowaan daakuun sun akkuma daakuu nyaata keessummoota kabajamoo taʼaniif tolchuuf taʼutti “baʼeessa” akka taʼu isaan irraa eega ture. (Uma 18:6) Yeroo harʼaatti, haalli keenya wanta kennuu dandeenyu baayʼee kan nu jalaa daangessu yoo taʼe illee, Yihowaan “aarsaa galataa” waan qabnu hunda irra caalu yeroo kenninu ni fudhata.—Ibr 13:15.
Fayyaan kee ykn humni kee hamma kanaan duraa yoo taʼuu baate yaadni kun si jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?