Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sadaasa 23-29

LEWWOOTA 6-7

Sadaasa 23-29

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • Aarsaa Galata Galchuuf Dhihaatu”: (Daq. 10)

    • Lew 7:11, 12—Akaakuun qalma araaraa inni tokko, Yihowaadhaaf galata galchuuf fedhiidhaan kan dhihaatu ture (w19.11 22 key. 9)

    • Lew 7:13-15—Namni maatii isaa wajjin qalma araaraa dhiheessu sun, Yihowaa wajjin akka nyaatetti ilaalama ture; kun immoo maatiin sun Yihowaa wajjin nagaa qabaachuu isaanii kan argisiisu ture (w00-AM 8/15 15 key. 15)

    • Lew 7:20—Qalma araaraa fudhatama qabu dhiheessuu kan dandaʼan namoota qulqulluu taʼan qofa turan (w00-AM 8/15 19 key. 8)

  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 10)

    • Lew 6:13—Akkaataa ibiddi iddoo aarsaa irratti bobaʼuu itti jalqabe ilaalchisee, Yihudoonni ilaalcha aadaa irratti hundaaʼe akkamii qabu? Kitaabni Qulqulluun garuu maal jedha? (it-1-E 833 key. 1)

    • Lew 6:25—Aarsaan sababii cubbuutiif dhihaatu, qalma gubamuu fi qalma araaraa irraa adda kan ture akkamitti? (si-E 27 key. 15)

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa Yihowaa, tajaajila dirree ykn qabxii kan biraa ilaalchisee barumsa akkamii argatte?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Lew 6:1-18 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 18

  • Michuu Yihowaa Taʼi—Kan Galateeffattu Taʼi: (Daq. 5) Viidiyicha taphachiisi. Achiis, ijoollee xixinnoon yoo jiraatan, dursitee qopheessiteetta taanaan gara waltajjiitti isaan affeeriitii waaʼee viidiyichaa isaan gaafadhu.

  • Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa: (Daq. 10)

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30 ykn isaa gad) rr boq. 1 key.1-7 fi viidiyoo beeksisaa *

  • Yaada Xumuraa (Daq. 3 ykn isaa gad)

  • Faarfannaa 37 fi Kadhannaa

^ key. 23 Sagantaan qoʼatamu yommuu viidiyoo beeksisaa qabaatutti viidiyichi keeyyatoonni jiran qoʼatamuu isaanii dura ilaalamuu qaba.