Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Bilbilaan Dhugaa Baʼuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Bilbilaan Dhugaa Baʼuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Bilbilaan dhugaa baʼuun, mala barbaachisaa “misiraachoo . . . guutummaatti dhugaa baʼuuf” dandeessisu dha. (HoE 20:24) * Malli kun, namoota qaamaan arganne lallabuufii hin dandeenyeef dhugaa baʼuuf nu gargaara.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Qophaaʼaa. Yaada sirrii taʼe filadhaa. Wanta jechuu barbaaddan gaggabaabsaa barreeffadhaa. Minjaala of dura keessanii wanta barreeffattanii fi wantoota isin barbaachisan kan akka meeshaa elektirooniksii JW Library® ykn jw.org® ittiin banattan minjaalicha irra kaaʼachuu dandeessu

  • Of Tasgabbeessaa. Akkuma yeroo biraa dubbattanitti dubbadhaa. Akkuma waan namichi isin ilaalaa jiruutti, seeqaa, akkasumas ibsa qaamaatti fayyadamaa. Utuu hin barbaachisin dubbii keessan gidduutti hin dhaabinaa. Nama kan biraa wajjin taʼuun keessan isin gargaara. Namni haasofsiistan sun gaaffii yoo gaafate, namni isin wajjin jiru dhagaʼee deebii kennuu irratti isin gargaaruu akka dandaʼuuf, sagalee ol kaasaatii gaafficha irra deebiʼaa.

  • Deebitanii haasofsiisuuf buʼuura kaaʼaa. Namni sun fedhii yoo qabaate, gaaffii yeroo itti aanutti isaaf deebistan kaasuu dandeessu. Iimeelii isaaf barreessuu, barreeffama geessuufii ykn erguufii akka dandeessan itti himaa. Yookiin immoo, viidiyoowwan keenya keessaa tokko ykn mata dureewwan isaaf erguu akka barbaaddan itti himuu dandeessu. Yeroo sirrii taʼetti immoo, waaʼee wantoota weebsaayitii keenya irra jiran kaanii itti himuu dandeessu.

^ key. 3 Bilbilaan tajaajiluun naannoo keessanitti fudhatama kan qabu yoo taʼe, seerawwan odeeffannoo dhuunfaa eeguuf baʼan wajjin kan walsimu taʼuu qaba.