Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEWWOOTA 8-9

Ragaa Eebba Yihowaa Mirkaneessu

Ragaa Eebba Yihowaa Mirkaneessu

8:6-9, 12; 9:1-5, 23, 24

Yihowaan aarsaa gubamu isa jalqabaa, yeroo sirni lubummaa Aaron hundeeffametti dhihaate ibiddi akka nyaatu godheera. Kun taʼuun isaa, Yihowaan qophii sana akka deggeree fi akka itti gammade kan argisiisu ture. Kana gochuudhaan Yihowaan, Israaʼelota qophii kana guutummaatti deggeruuf achitti walitti qabamanii turan jajjabeesseera. Yeroo harʼaatti Yihowaan, Yesuus Kiristoos isa ulfina gonfate akka Luba Ol Aanaa guddaatti itti fayyadamaa jira. (Ibr 9:11, 12) Bara 1919⁠tti, Yesuus garee dibamtootaa xinnoo taʼe tokko ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ godhee muude. (Mat 24:45) Yihowaan garbicha amanamaa kana akka eebbisu, akka deggeruu fi akka itti gammadu ragaan argisiisu maali dha?

  • Ariʼatamni wal irraa hin cinne utuma jiruu, garbichi amanamaan nyaata hafuuraa dhiheessuu isaa ittuma fufeera

  • Akkuma raajiidhaan dubbatame, misiraachichi “guutummaa lafaa irratti” lallabamaa jira.—Mat 24:14

Garbicha amanamaa fi ogeessa guutummaatti deggeruu kan dandeenyu akkamitti?