Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Gatii ‘Saantima Xixinnoo Lamaa’

Gatii ‘Saantima Xixinnoo Lamaa’

Saantimni dubartiin abbaan manaa irraa duʼe sun buusii goote, nyaata xinnoo tokko bituuf illee hin gaʼu ture. (w08 4/1 ful. 20 key. 1-3 ilaali.) Haa taʼu malee, buusiin goote qophii Yihowaatiif jaalalaa fi dinqisiifannaa guddaa akka qabdu kan argisiisu ture. Kanaan kan kaʼes, kennaan ishii Abbaa ishii isa samii biratti gatii guddaa qabaachuu dandaʼeera.—Mar 12:43.

VIIDIYOO ‘KENNAA YIHOWAADHAAF KENNAMU’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Buusiin nuyi goonu sochiiwwan akkamiitiif deggersa taʼa?

  • Buusiin goonu xinnoo fakkaatu illee gatii guddaa kan qabu akkamitti?

  • Karaa buusii gochuun itti dandaʼamu ilaalchisee, filannoowwan naannoo jiraannuuf taʼan beekuu kan dandeenyu akkamitti?—Saanduqa “ Intarneetii Irraa Caalaatti Baradhu” jedhu ilaali.