Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEWWOOTA 1-3

Kaayyoo Aarsaawwanii

Kaayyoo Aarsaawwanii

1:3; 2:1, 12; 3:1

Kennaawwan ykn aarsaawwan kakuun Seerichaa ajaju, Yihowaa ni gammachiisu, akkasumas Yesuusii fi aarsaa furii inni nuu dhiheesseef ykn faayidaa aarsaa isaa irraa argannuuf gaaddidduu taʼu.—Ibr 8:3-5; 9:9; 10:5-10.

  • Horiiwwan aarsaa godhaman hundi mudaa kan hin qabne taʼuu akkuma qaban, Yesuusis qaama isaa isa qulqulluu mudaa tokko illee hin qabne aarsaa nuuf godhe.—1Ph 1:18, 19.

  • Aarsaawwan gubaman odoo homtuu hin hafin guutummaatti Waaqayyoof dhihaachaa akkuma turan, Yesuusis guutummaatti Yihowaadhaaf of kenneera

  • Akkuma namoonni aarsaa araaraa fudhatama qabu dhiheessan Waaqayyo wajjin nagaa qaban, dibamtoonni Irbaata Gooftaa irraa hirmaatanis Waaqayyo wajjin nagaa qabu