Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Barattoonni Keessan Nyaata Hafuuraa Akka Of Sooran Isaan Barsiisaa

Barattoonni Keessan Nyaata Hafuuraa Akka Of Sooran Isaan Barsiisaa

Barattoonni keenya dheebuu hafuuraa isaanii akka baʼanii fi karaa hafuuraa gara gaʼeessummaatti akka guddatan yoo barbaanne, dhugaa isaan barsiisnu caalaa wanta dabalataa barachuu qabu. (Mat 5:3; Ibr 5:12–6:2) Nyaata hafuuraa akkamitti akka of sooran barachuu qabu.

Jalqabumaa kaasaatii qoʼannaa isaaniitiif akkamitti akka qophaaʼan isaanitti argisiisaa; akka qophaaʼanis isaan jajjabeessaa. (mwb18.03 6) Qoʼannaa dhuunfaa jalqabuu isaanii dura akka kadhatan isaan jajjabeessaa. Barreeffamoota bifa dijitaalaatiin jiran fayyadamanii akkamitti qoʼannaa gochuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. Wantoota haaraa jw.org fi JW Broadcasting® irratti baʼan akkamitti argachuu akka dandaʼan isaaniif ibsaa. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka dubbisan, walgaʼiiwwan gumiitiif akka qophaaʼan, akkasumas gaaffiiwwan isaaniitiif qorannaa godhanii deebii akka argatan isaan leenjisaa. Wanta barachaa jiran irratti akka xiinxalan isaan gargaaraa.

VIIDIYOO BARATTOOTA KITAABA QULQULLUU KEESSAN GARGAARAAKARAA HAFUURAA AKKA OF SOORAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maartaan, qoʼannaa jechuun deebii wanta tokko beekuu caalaa wanta dabalatu akka qabu Saaraan akka hubattu akkamitti ishii gargaarte?

  • Saaraan, Yihowaan halalummaa dhorkuun isaa sirrii akka taʼe akka hubattu maaltu ishii gargaare?

  • Barattoonni keessan garaa fi sammuu isaanii akkamitti akka sooran isaan barsiisaa

    Saaraan waaʼee xiinxaluu maal hubatte?