Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Kadhannaadhaan Gargaarsa Yihowaa Fudhadhaa

Kadhannaadhaan Gargaarsa Yihowaa Fudhadhaa

Sanyiin dhugaa garaa nama tokkoo keessatti hidda akka gadi fageeffatuu fi akka guddatu kan godhu Yihowaa dha. (1Qo 3:6-9) Kanaafuu, tajaajila keenya irratti milkaaʼina argachuuf, Yihowaan nuunis taʼe barattoota keenya akka gargaaru isatti amanamuu qabna.

Barattoonni keessan dhiibbaa isaan irra gaʼuu fi gufuu isaan mudatu moʼuu akka dandaʼan Yihowaan akka isaan gargaaru kadhadhaa. (Flp 1:9, 10) Adda baasaa kadhadhaa. Hafuurri qulqulluun yaadaa fi gocha keessan akka qajeelchu kadhadhaa. (Luq 11:13) Barattoonni keessan akkamitti akka kadhatan isaan barsiisaa; akka kadhatanis isaan jajjabeessaa. Maqaa barattoota keessan caqasuudhaan isaan wajjin waaʼee isaanii kadhadhaa.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAAGARGAARSA YIHOWAA FUDHADHAAKADHANNAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maartaan yommuu Saaraa qoʼachiistu rakkinni akkamii ishii mudatee ture?

  • Tokkoffaan Qorontos 3:6 Maartaa kan gargaare akkamitti?

  • Rakkinni Maartaa mudate kan furame akkamitti?