AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Obboleettonni Yihowaa Caalaatti Tajaajiluu kan Dandaʼan Akkamitti?
Obboleettonni hojii Mootummichaatiif gumaacha guddaa gochuu dandaʼu. (Fr 68:11) Namoota hedduu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu, akkasumas qajeelchitoota yeroo hundaa keessaa baayʼeen isaanii obboleettota dha. Obboleettonni kumaan lakkaʼaman Betʼel keessatti, misiyoonota taʼanii, hojii ijaarsaa irrattii fi hojii hiikkaa irratti jabaatanii hojjechaa jiru. Obboleettonni bilchaatoo taʼan maatii fi gumii isaanii cimsu. (Fak 14:1) Jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼanii tajaajiluu baatanis, galma baafachuu dandaʼu. Obboleettii yoo taate, karaawwan kamiin Yihowaa caalaatti tajaajiluu dandeessa?
-
Obboleettota muuxannoo hin qabnee fi gumii keessa jiran gargaaruu.—Tit 2:3-5
-
Tajaajila irratti yeroo dabalata hojjechuu fi caalaatti buʼa qabeessa taʼuu
-
Afaan haaraa barachuu
-
Iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemuu
-
Betʼelitti tajaajiluu fi gamoowwan hojii tiʼookraasiitiif oolan ijaaruu irratti gargaarsa gochuuf foormii guutuu
-
Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii barachuuf foormii guutuu
VIIDIYOO ‘DUBARTOOTA JABAATANII HOJII GOOFTAA HOJJECHAA JIRAN’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Yaanni obboleettonni kun kennan kan si jajjabeesse akkamitti?