Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Muddee 23-29

FAARFANNAA 119:121-176

Muddee 23-29

Faarfannaa 31 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Rakkina Keessa Galuurraa Of Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?

(Daq. 10)

Ajajawwan Waaqayyootiif jaalala qabaadhaa (Fr 119:127; w18.06 17 key. 5-6)

Gocha dogoggoraa jibbaa (Fr 119:128; w93-AM 4/15 17 key. 12)

Yihowaa dhgaʼuudhaan dogoggora ‘muuxannoo dhabuudhaan’ raawwatamurraa of eegaa (Fr 119:130, 133; Fak 22:3)

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU, ‘Ajajawwan Waaqayyoo jaallachuu ykn gocha dogoggoraa jibbuurratti fooyyaʼiinsa akkamii gochuutu na barbaachisa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 119:160—Caqasa kanaa wajjin haala wal simuun waaʼee maalii mirkanaaʼoo taaneerra? (w23.01 2 key. 2)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 1 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu jw.org irraa odeeffannoo isa fayyadu argachuu akka dandaʼu itti argisiisi. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) Maree barataa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataadhaan walgaʼiirratti hin argamne wajjin godhamu. (lmd barumsa 12 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 121

7. Qarshiin Utuu Hin Barbaachisin Akka Dhiphattan Akka Godhu Hin Heyyaminaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Namoonni maallaqa jaallatan ‘dhiphina hedduudhaan of waraanu.’ (1Xim 6:9, 10) Qarshii kan jaallannuu fi jireenya keenya akka toʼatu kan heyyamnu yoo taʼe dhiphinoonni armaan gaditti ibsamanii fi hambisuu dandeenyu tokko tokko nurra gaʼuu dandaʼu.

  • Yihowaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu hin dandeenyu.—Mat 6:24

  • Matumaa gammachuu hin qabaannu.—Lal 5:10

  • Sobuu fi gowwomsuu dabalatee wanta dogoggoraa raawwachuuf caalaatti qoramuu dandeenya. (Fak 28:20) Wanta dogoggoraa yoo raawwanne qalbiin keenya nu ceephaʼa, maqaa gadhee qabaanna, akkasumas Waaqayyo biratti fudhatama dhabna.

Ibroota 13:5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanarratti mariʼadhaa:

  • Qarshiidhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu keenyatu dhiphinarraa nu eeguu dandaʼa? Maaliif?

Qarshii jaallachu yoo baannellee karaa sirrii taʼeen itti hin fayyadamnu taanaan dhiphinni nurra gaʼuu dandaʼa.

ANIMEESHINII GABATEE ADII Qarshii Keetti Seeraan Fayyadamuu Kan Dandeessu Akkamitti? jedhu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Baajata baafachuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

  • Maallaqa hamma tokko qusachuun gaarii kan taʼe maaliifi?

  • Liqii hin barbaachisne keessa galuurraa fagaachuun ogummaa kan taʼe maaliifi?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq 20 key. 1-7, fi yaada seensaa kutaa 7

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 101 fi Kadhannaa