Sadaasa 18-24
FAARFANNAA 107-108
Faarfannaa 7 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. ‘Waaqayyo Gaarii Waan Ta’eef Isaaf Galata Galchaa!’
(Daq. 10)
Yihowaan akkuma Israaʼeloota Baabilon jalaa oolche, nuunis addunyaa Seexanaarraa nu oolcha (Fr 107:1, 2; Qol 1:13, 14)
Yihowaadhaaf galata qabaachuun keenya gumii keessatti isa jajachuuf nu kakaasa (Fr 107:31, 32; w07 4/15 20 key. 2)
Hojiiwwan Yihowaan jaalalaan kakaʼee hojjete xiyyeeffannaadhaan qoruun keenya garaa galateeffatu qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa (Fr 107:43; w15 1/15 9 key. 4)
2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Daq. 10)
-
Fr 108:9—Moʼaab “miʼa dhiqannaa” Waaqayyootti fakkeeffamuun isaa maal kan argisiisu taʼuu dandaʼa? (it-2-E 420 key. 4)
-
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fr 107:1-28 (th qoʼannaa 5)
4. Maree Jalqabuu
(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 1 qabxii 4)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Qophii Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf goone ibsiif, akkasumas kaardii teessoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf gargaaru kenniif. (lmd barumsa 9 qabxii 3)
6. Haasaa
(Daq. 5) ijwyp 90—Mata duree: Ilaalcha Sirrii hin Taane Qabaachuu Irraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti? (th qoʼannaa 14)
Faarfannaa 46
7. Yihowaa Galateeffachuuf ni Faarfanna
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Yihowaan galaana diimaa biratti Israaʼelota sodaatanii turan raayyaa gibxii warra humna guddaa qabanirraa erga oolchee booda sabichi galateeffannaa qabu ibsuuf faarfateera. (Bau 15:1-19) Faarfannaa haaraa kana faarfachuurratti dursa kan fudhatan dhiirota turan. (Bau 15:21) Yesuusii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas faarfannaadhaan Waaqayyoon jajatanii turan. (Mat 26:30; Qol 3:16) Nutis walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan guguddaa fi walgaʼiiwwan naannoorratti faarfachuudhaan dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu ibsuu keenya itti fufna. Fakkeenyaaf, faarfannaan amma faarfannee fi “Yihowaa si Galateeffanna” jedhu, bara 1966 kaasee walgaʼiiwwan irratti faarfatamaa tureera.
Aadaawwan tokko tokko keessatti dhiironni uummata duratti faarfachuu ni qaanaʼu taʼa. Kaanimmoo sagaleen isaanii akka hin bareenne waan isaanitti dhagaʼamuuf faarfachuurraa duubatti jedhu. Haa taʼu malee, walgaʼiiwwan keenyarratti faarfachuun kutaa waaqeffannaa keenya akka taʼe yaadachuu qabna. Jaarmiyaan Yihowaa faarfannaawwan gaggaarii qopheessuu fi tokkoon tokkoon walgaʼii keenyaarratti warra faarfataman filachuurratti carraaqqii guddaa godha. Nuti wanti gochuun nurraa eegamu warra kaanii wajjin taanee jaalalaa fi dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu ibsuudha.
VIIDIYOO Imala Seenaa Keenyaa—Kennaa Faarfannaa, Kutaa 2 jedhu taphachiisi. Achiis akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Bara 1944tti taatee iddoo guddaa qabu akkamiitu raawwatame?
-
Obboloonni keenya Saayibeeriyaa jiran dinqisiifannaa faarfannaawwan Mootummichaatiif qaban kan ibsan akkamitti ture?
-
Faarfannaan Dhugaa Baatota Yihowaatiif barbaachisaa kan ture maaliifi?
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) bt boq. 18 key. 6-15