Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

MASARAA EEGUMSAA

Gaaffii: Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo biraa dhufe taanaan, yaalii isa balleessuuf godhamu kam irraa iyyuu ooluu waan qabu sitti hin fakkaatuu?

Caqasa: Isa 40:8

Barreeffamicha Kennuuf: Barruun kun seenaa dinqisiisaa Kitaabni Qulqulluun yaalii isa balleessuuf godhame irraa akkamitti akka oole ibsu qabateera.

MASARAA EEGUMSAA (fuula dhumaa)

Gaaffii: Gaaffii kana ilaalchisee yaada akkamii qabda? [Gaaffii jalqabaa fuula 16 irra jiru dubbisi.] Namoonni tokko tokko Waaqayyo maqaa hin qabu jedhu; kaan immoo maqaan isaa Waaqayyo ykn Gooftaa akka taʼe dubbatu; kaanis maqaa hedduu qaba jedhu. Ati hoo maal jetta?

Caqasa: Far 83:18, fuula 387 ilaali.

Barreeffamicha Kennuuf: Barruun kun mata duree kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu ibsa. Yeroo kan biraa dhufee dhimma kana irratti utuu mariʼannee natti tola.

MISIRAACHOO WAAQAYYO BIRAA DHUFE!

Gaaffii: Namoonni hedduun raajii Kitaaba Qulqulluu dubbisuun gaazexaa dubbisuu wajjin tokko dha jedhu. Wanta raajiidhaan dubbatame kana keessaa inni kam yommuu raawwatamu argite ykn dhageesse?

Caqasa: 2Xi 3:1-5

Barreeffamicha Kennuuf: Birooshurri kun haalli kun namoota Waaqayyoon jaallataniif misiraachoo kan taʼe maaliif akka taʼe ibsa. [Barumsa 1, gaaffii 2ffaa ibsi.]

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi