Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Waggaa Tokkoof Yaaluu ni Dandeessaa?

Waggaa Tokkoof Yaaluu ni Dandeessaa?

Maal? Qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu! Kun eebba guddaa siif argamsiisa! —Fak 10:22.

QAJEELCHAA TAʼUUDHAAN . . .

  • lallabaa Wangeelaa dandeettii qabu taʼuu fi caalaatti tajaajilatti gammaduu dandeessa.

  • hariiroo Yihowaa wajjin qabdu ni cimsatta. Waaʼee isaa caalaatti warra kaanitti yommuu himtu, amalawwan isaa warra dinqisiisoo taʼan caalaatti yaadatta.

  • gammachuu fedhii kee utuu hin taʼin fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu fi warra kaaniif of kennuudhaan argamu argatta.—Mat 6:33; HoE 20:35

  • walgaʼii daawwataan ol aanaa aanaa yommuu gumiiwwan daawwatutti qajeelchitootaa wajjin godhu irratti, walgaʼii addaa yeroo walgaʼii aanaatti godhamuu fi Mana Barumsaa Qajeelchitootaa irratti hirmaachuu dandeessa.

  • qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuuf carraa dabalataa argatta.

  • babalʼisoota kaanii wajjin yeroo dabalataa dabarsuudhaan, isaanii wajjin wal jajjabeessuuf carraa argatta.—Rom 1:11, 12