Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 74-78

Hojiiwwan Yihowaa Yaadadhaa

Hojiiwwan Yihowaa Yaadadhaa

Wantoota gaggaarii Yihowaan hojjete irratti xiinxaluun barbaachisaa dha

74:16; 77:6, 11, 12

  • Xiinxaluun wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbisne hubachuu fi nyaata hafuuraa garaadhaa dinqisiifachuuf nu gargaara

  • Waaʼee Yihowaa gad fageenyaan yaaduun hojiiwwan isaa dinqisiisoo taʼanii fi abdii inni nuu kenne yaadachuuf nu gargaara

Hojiiwwan Yihowaa wantoota armaan gadii dabalatu:

74:16, 17; 75:6, 7; 78:11-17

  • Uumama

  • Waaʼee uumamaa caalaatti barachaa yommuu deemnu, dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabnu caalaatti guddachaa deema

  • Dhiirota gumii keessatti muudaman

  • Namoota Yihowaan akka geggeessaniif muudeef bitamuu qabna

  • Tarkaanfii inni oolchuuf fudhatu

  • Tarkaanfii Yihowaan saba isaa oolchuuf fudhatu yaadachuun, fedhii fi dandeettii inni tajaajiltoota isaa kunuunsuuf qabu irratti amantii qabnu nuuf cimsa