Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jireenya Keenya Salphaa Gochuun Waaqayyoon Jajachuuf Nu Gargaara

Jireenya Keenya Salphaa Gochuun Waaqayyoon Jajachuuf Nu Gargaara

Yeroo ammaatti, wantoonni jireenyi keenya salphaa akka hin taane godhan hedduu dha. Waan tokko dhaqnee bituuf, qarshii ittiin binnu argachuuf, itti fayyadamuuf, suphuu fi wanta sana eeguuf yeroo fi humni ni barbaachisa. Yesuus, qabeenyi tajaajila isaa wajjin haala wal qabateen xiyyeeffannaa isaa akka hin hihhirreef jireenya salphaa jiraateera.—Mat 8:20.

Hirmaannaa tajaajila irratti qabdan guddifachuuf jireenya keessan salphaa gochuu kan dandeessan akkamitti? Sirreeffama tokko tokko yoo gootan mana keessan keessaa namni tokko qajeelchaa taʼee tajaajiluu ni dandaʼaa? Tajaajila yeroo guutuu keessa kan jirtan taʼu illee, suutuma suuta qabeenyi jireenyi keessan wal xaxaa akka taʼu akka godhu heyyamtaniittuu laata? Yihowaa tajaajiluuf jecha jireenya salphaa jiraachuun gammachuu guddaa argamsiisa.—1Xi 6:7-9.

KARAAWWAN ANI JIREENYA KOO SALPHAA GOCHUU ITTI DANDAʼU: