Fakkeenya Waaʼee Namicha Biyya Samaariyaa Dubbatu
Yesuus fakkeenya kana kan dubbate gaaffii, “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhamee gaafatameef yommuu deebii kennetti ture. (Luq 10:25-29) Yesuus gumiin Kiristiyaanaa yeroo booda namoota Samaariyaa fi namoota Yihudootaa hin taane dabalatee, “akaakuu namootaa hunda” kan of keessatti qabate akka taʼu beeka ture. (Yoh 12:32) Fakkeenyi kun duuka buutonni isaa namoota isaan irraa baayʼee adda taʼanitti illee, jaalala argisiisuuf carraaqii addaa gochuu akka qaban isaan barsiiseera.
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU:
-
‘Obbolootaa fi obboleettota aadaan isaanii kan koo irraa adda taʼeef ilaalcha akkamiin qaba?’
-
‘Yeroo baayʼee namoota haala wal fakkaataa qabnuu wajjinan yeroo dabarsaa?’
-
‘Kiristiyaanota hidhata amantii koo taʼanii fi akkaataa guddinaa ana irraa adda taʼe qabanii wajjin caalaatti wal baruuf garaa koo balʼisee banuu nan dandaʼaa?’ (2Qo 6:13)
Obboleessa ykn obboleettii . . .
-
tajaajila afeeruun barbaada
-
mana kootti nyaata afeeruun barbaada
-
Waaqeffannaa Maatii keenya galgalaa itti aanu irratti maatii koo wajjin akka argamu ykn argamtu afeeruun barbaada