Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Siyaasa Keessa Galuu Irraa Of Qusachuun Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi? (Mik 4:2)

Siyaasa Keessa Galuu Irraa Of Qusachuun Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi? (Mik 4:2)

Fakkeenyi waaʼee nama Samaariyaa dubbatame kun, Yihowaan namoota akka wal hin caalchisnee fi nutis namoota sadarkaan jireenyaa, sanyiin, qomoon, lammiin ykn amantiin isaanii kan keenya irraa adda taʼe dabalatee, ‘namoota hundumaaf wanta gaarii akka goonu’ kan nu irraa barbaadu taʼuu isaa nu yaadachiisa.— Gal 6:10; HoE 10:34.

VIIDIYOO SIYAASA KEESSA GALUU IRRAA OF QUSACHUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? (MIK 4:2) JEDHU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Yaanni Miikiyaas 4:2 irratti argamu haala sabni Waaqayyoo yeroo harʼaatti keessa jiru kan argisiisu akka taʼe akkamitti beekna?

  • Siyaasa keessa galuu dhiisuu jechuun maal jechuu dha? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

  • Yaanni Mulʼata 13:16, 17 irra jiru, sirni siyaasaa ilaalchaa fi gocha keenya irratti dhiibbaa geessisuuf akka yaalu kan argisiisu akkamitti?

Wantoonni siyaasa keessa akka gallu nu taasisan sadii kamfaʼi?