Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LUQAAS 8-9

Duuka Buutuu Koo Taʼi—Kun Maal Gochuu Gaafata?

Duuka Buutuu Koo Taʼi—Kun Maal Gochuu Gaafata?

9:62

Namni qotu tokko tooraan qotuu yoo barbaade, wanta duuba isaa jiru ilaaluudhaan yaanni isaa akka hihhiramu gochuu hin qabu. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni tokko wantoota addunyaa keessatti dhiisee dhufeen yaanni isaa akka hihhiramu heyyamuu hin qabu.—Flp 3:13.

Yommuu rakkinni nu mudatu, yeroo gaarii akka taʼe yaannuu fi dhugaa beekuu keenya dura ture hawwina taʼa. Yoo akkas taʼe, yeroo baayʼee gammachuu yeroo sanatti arganne arbeessuudhaan, rakkoowwan kanaan dura nu irra gaʼan immoo salphisnee ilaalluu dandeenya. Wanti Israaʼeloonni yommuu Gibxiin gadhiisanii baʼanitti godhan kanuma ture. (Lak 11:5, 6) Yaadawwan akkasii irratti kan xiinxallu yoo taʼe, akkaataa jireenya keenya isa duraatti deebiʼuuf qoramuu dandeenya. Eebbawwan yeroo ammaatti arganne irratti xiinxaluu fi gammachuu gara fuulduraatti Mootummicha jalatti argannu irratti xiyyeeffachuun keenya faayidaa guddaa qaba.—2Qo 4:16-18.