Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Matumaa hin Yaaddaʼinaa”

“Matumaa hin Yaaddaʼinaa”

Yihowaan hiyyeessota Israaʼel durii keessa turan gargaareera. Tajaajiltoota isaa yeroo harʼaatti argamanii fi hiyyeessota taʼan kan gargaaru karaawwan kamiini?

Haalli keenya abdii kan nama kutachiisu taʼus yaaddaʼuu hin qabnu. (Isa 30:15) Yihowaan Mootummaa isaa barbaaduu keenya yoo itti fufne wantoota nu barbaachisan nuuf guuta.—Mat 6:31-33.

VIIDIYOO JAALALLI MATUMAA HIN BADU . . . HIYYEESSOTA TAANUS—KOONGOO JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboloonni naannoowwan walgaʼiin naannoo itti geggeeffamu jiraatan obboloota bakka biraatii walgaʼichaaf dhufan jaalalaan kan simatan akkamitti?

  • Viidiyoon kun jaalala Yihowaan namoota hiyyeessota taʼaniif qabu kan argisiisu akkamitti?

  • Qabeenyi qabnu hammamiyyuu yoo taʼe fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?