BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Yihowaan Akkamitti Akka Isa Waaqeffannu Barbaada
Israaʼelonni garaa guutuu fi lubbuu guutuudhaan Yihowaadhaaf akka ajajaman, akka isa jaallatanii fi akka isa tajaajilan irraa eegama ture (Kes 11:13; it-2-E 1007 key. 4)
Wanti waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabu kam iyyuu guutummaatti balleeffamuu qaba ture (Kes 12:2, 3)
Namni hundi iddoo Yihowaan filatetti waaqeffachuu qaba ture (Kes 12:11-14; it-1-E 84 key. 3)
Yihowaan sabni isaa lubbuu guutuudhaan akka isa waaqeffatan, waaqeffannaa sobaa hundumaa irraa akka fagaatan, akkasumas tokkummaa akka qabaatan barbaada.