Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan uumamawwan isaatiif jaalala guddaa akka qabu waan argisiiseef, yeroo isa tajaajiluuf carraaqqii goonu akka nu eebbisu amanannaa qabaachuu dandeenya

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Uumamni Jaalala Yihowaa kan Mulʼisu Akkamitti?

Uumamni Jaalala Yihowaa kan Mulʼisu Akkamitti?

Jireenya keenya keessatti hojiin waan nutti baayʼatuuf, takka dhaabbannee uumamawwan Yihowaa naannoo keenyatti argaman jaalalaa fi gaarummaa isaa akkamitti akka argisiisan irratti hin yaannu taʼa. Haa taʼu malee, Yesuus uumamawwan naannoo keenya jiran xiyyeeffannaadhaan akka ilaalluu fi Yihowaa ilaalchisee wanta nu barsiisan irratti akka xiinxallu nu jajjabeesseera.—Mat 6:25, 26.

VIIDIYOO UUMAMNI JAALALA YIHOWAA MULʼISA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Jaalala Yihowaan nuuf qabu ilaalchisee wantoota armaan gadii irraa maal baratte?

  • Elemantoota lafaa

  • Atmoosfarii lafaa

  • Biqiltoota

  • Akkaataa bineeldonni itti uumaman

  • Qaamolee miiraa keenya

  • Sammuu keenya