Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Garaa Namootaa Tuqaa

Garaa Namootaa Tuqaa

Waaqayyoof ajajamuun garaa irraa madda. (Fak 3:1) Kanaafuu, yeroo barsiisnu garaa dhaggeeffattoota keenyaa tuquuf carraaqqii gochuu qabna. Akkamitti?

Barataa keessan dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo barsiistan, wanti baratu jireenya isaa fi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu kan tuqu akkamitti akka taʼe akka hubatus isa gargaaraa. Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu jaalala, gaarummaa fi qajeelummaa Waaqayyoo kan calaqqisan akkamitti akka taʼe akka hubatu isa gargaaraa. Gaaffiiwwan wanta baratu ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu qoruuf isa gargaaran malaan isa gaafadhaa. Ilaalcha ykn barsiifata gaarii hin taane dhiisuun isaa faayidaa akkamii akka isaaf argamsiisu akka yaadu isa gargaaraa. Barataan keessan garaadhaa Yihowaa akka jaallatu yommuu argitan gammachuun keessan ni dabala.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEFFADHAA—GARAA NAMOOTAA TUQUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maartaan, “Wanta gaafa Wiixataa mariʼanne irratti yaaddee turtee?” jettee Saaraa kan gaafatte maaliifi?

  • Maartaan ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu jaalala Yihowaan ishiidhaaf qabu kan argisiisan akka taʼan akka hubattu Saaraa kan gargaarte akkamitti?

  • Barataan keenya wanti baratu garaa isaa yoo tuqe guddina gochuuf ni kakaʼa

    Maartaan karaa jaalala Waaqayyoof qabdu argisiisuu itti dandeessu irratti akka yaaddu Saaraa kan gargaarte akkamitti?