Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dubartoota Maanguddoo Akka Haadhotaatti, Dubartoota Umurii Dargaggummaa Irra Jiran Immoo Akka Obboleettotaatti Ilaalaa

Dubartoota Maanguddoo Akka Haadhotaatti, Dubartoota Umurii Dargaggummaa Irra Jiran Immoo Akka Obboleettotaatti Ilaalaa

Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanota maanguddoo taʼan akka haadhaa fi abbaa keenyaatti, warra dargaggoota taʼan immoo akka obboloota keenyaatti ilaaluu akka qabnu dubbata. (1 Ximotewos 5:1, 2 dubbisi.) Keessumaa obboloonni obboleettotatti kabajaa fi ulfina argisiisuu qabu.

Obboleessi tokko matumaa obboleettii takka kolomsuus taʼe wanta ishii dhiphisu akkamii iyyuu gochuu hin qabu. (Iyo 31:1) Obboleessi qeenxeen tokko obboleettii qeenxee takkaaf miira jaalalaa utuu hin qabaatiin akka ishii jaallatu akka ishiitti dhagaʼamu gochuudhaan miira ishii miidhuu hin qabu.

Jaarsoliin obboleettonni yeroo kabajaan gaaffii gaafatan ykn wanta xiyyeeffannaa barbaadu tokko kaasan gaarummaadhaan deebii kennuu qabu. Jaarsoliin keessumaa obboleettota abbaa manaa eegumsa isaaniif godhu hin qabneef xiyyeeffannaa kennuu qabu.—Rut 2:8, 9.

VIIDIYOO GUMII KEESSATTI JAALALA HIN BADNE ARGISIISAA—DUBARTOOTA ABBAAN MANAA IRRAA DUʼEE FI IJOOLLEE ABBAA HIN QABNETTI JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Gumichi obboleettii keenya Maayintitti jaalala guddaa kan argisiise akkamitti?

  • Jaalalli obboloonni gumichaa ishiitti argisiisan namoota mandara sana keessa jiraataniif dhugaa kan baʼe akkamitti?

  • Jaalalli obboloonni gumichaa isaanitti argisiisan ijoollee durbaa obboleettii keenya Maayinti irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?

Obboleettota gumii keessan keessa jiran akka jaallattuu fi akka isaaniif yaaddu argisiisuu kan dandeessu karaawwan kamiini?