BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Seerichi Yihowaan Dubartootaaf Akka Yaadu kan Argisiisu Akkamitti?
Namni fuudhe tokko hamma waggaa tokkootti haadha manaa isaa kophaatti dhiisee raayyaa waraanaa keessa hin tajaajilu ture (Kes 24:5; it-2-E 1196 key. 4)
Dubartoonni abbaan manaa irraa duʼe kunuunsa ni argatu turan (Kes 24:19-21; it-1-E 963 key. 2)
Dubartoonni abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee hin godhanne carraa ijoollee godhachuu itti dandaʼan ni argatu turan (Kes 25:5, 6; w11 4/1 31)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Maatii koo keessattis taʼe gumii keessatti dubartootaaf akkan yaaduu fi akkan isaan kabaju argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’