AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU | WAGGAA TAJAAJILAA ISA HAARAATTI GALMA BAAFADHAA
Iddoo Gargaarsi Caalaatti Barbaachisu Deemaa
Tajaajila keenya bal’ifachuuf iddoo barre dhiisnee bakka haaraa deemuuf amantiin nu barbaachisa. (Ibr 11:8-10) Bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemtee tajaajiluuf galma qabda taanaan jaarsolii kee mariisisi. Baasii kee shallaguu fi bakka deemuu dandeessu filachuuf maal gochuu dandeessa? Barreeffamoota keenya waa’ee bakka gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluu ibsanii dubbisi. Obboloota gumii kan biraa deemanii gargaaruu irratti isaaniif milkaa’e haasofsiisi. (Fak 15:22) Yihowaan qajeelfama akka siif kennu kadhannaadhaan isa gaafadhu. (Yaq 1:5) Waa’ee bakka deemuu barbaaddu sanaa qoradhu, akkasumas kan danda’amu taanaan murtoo gochuu kee dura bakka dhaquu barbaaddu sana guyyoota murtaa’aniif daawwadhu.
VIIDIYOO BALBALA HOJII AMANTIIDHAAN HOJJETAMUUTTI SEENAA—IDDOO GARGAARSI CAALAATTI BARBAACHISU DEEMAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Gaabri’eel rakkina akkamii mo’uun isa barbaachisee ture? Wanti isa gargaare hoo maal ture?