AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Maree Fakkeenya Ta’utti Fayyadamuu kan Qabnu Akkamitti?
Maree fakkeenya ta’u qopheessuuf obboloonni carraaqqii cimaa godhu, babal’istoonni hedduunis naannoo tajaajilaa isaanitti bu’a qabeessa ta’ee argataniiru. Haa ta’u malee, haalawwan addunyaa maratti argaman garaa gara waan ta’aniif, babal’istoonni tajaajila isaanii irratti akkaataa dhiheenyaa ykn mata duree kan biraa namoota naannoo isaanii hawwatu fayyadamuu danda’u. Dhugaa dha, hundi keenya iyyuu qajeelfama duula addaa ilaalchisee qophaa’u hordofuu qabna. Galmi keenya ergama Yesuus misiraachoo Mootummichaa akka lallabnu nutti kenne fiixaan baasuu dha.—Mat 24:14.
Babal’istoonni kutaa barattootaa yommuu dhiheessan, yaada maree fakkeenya ta’u irratti ibsamee fi Barreeffama Qo’annaa Walga’ii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irra jiru fayyadamuu qabu. Haa ta’u malee, qajeelfamni adda ta’e hamma hin kennamnetti, gaaffii, caqasa, yeroo itti aanuuf isa jedhuu fi yoomessa ilaalchisee wanta naannoo isaaniitti bu’a qabeessa ta’e filachuu danda’u. Yaadni kun qajeelfama barreeffama qo’annaa walga’ii Waxabajjii 2020 fuula 8 irra jiru sirreessa.