AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU | WAGGAA TAJAAJILAA ISA HAARAATTI GALMA BAAFADHAA
Qajeelchaa Ta’aa
Galma hafuuraa yoo baafanne humna keenya sirriitti fayyadamna. (1Qo 9:26) Galma qabaachuun keenya sirni kun baduu isaa dura, yeroo hafe karaa hunda irra wayyuun fayyadamuuf nu gargaara. (Efe 5:15, 16) Waaqeffannaa maatii keessan irratti galma waggaa tajaajilaa isa haaraatti baafachuu barbaaddan irratti mari’achuu ni dandeessu. Gama kanaan isin gargaaruuf, maxxansi barreeffama qo’annaa walga’ii kun mata dureewwan waa’ee galmawwan adda addaa ibsan qabateera.—Yaq 1:5.
Fakkeenyaaf, deggersa miseensota maatichaa hundaan yoo xinnaate namni tokko qajeelchaa yeroo hundaa ta’uu danda’aa? Sa’aatii barbaadamu guutuu akka dandeessan mirkanaa’aa miti taanaan, qajeelchitoota haala keessanii wajjin wal fakkaatu qaban haasofsiisaa. (Fak 15:22) Tarii yeroo waaqeffannaa maatii keessanitti qajeelchaa tokkoof gaafannoo gochuu illee ni dandeessu ta’a. Achiis sagantaa baafachuu dandeessan barreeffadhaa. Kanaan dura qajeelchaa taatanii tajaajiltaniittu yoo ta’e, amma deebitanii tajaajiluuf haalli keessan isiniif heyyamuu fi dhiisuu isaa irratti yaadaa.
Miseensonni maatii keessan tokko tokko ji’a tokkoof ykn isaa oliif qajeelchaa gargaaraa ta’uu ni danda’uu? Kana gochuuf humni qabdan muraasa yoo ta’e, guyyaa guyyaadhaan xinnoo xinnoo tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’uu dandeessu. Guyyaa guutuu waan hojjettaniif ykn waan barattaniif torban gidduutti tajaajiluuf yeroon qabdan muraasa yoo ta’e, ji’oota ayyaanota qaban ykn ji’oota Sanbadduraa fi Dilbata shan qaban filachuu dandeessu. Kaalaandarii keessan irratti yeroo qajeelchaa gargaaraa ta’uuf itti yaaddan barreeffadhaa; akkasumas sagantaa itti tajaajiltan baafadhaa.—Fak 21:5.
VIIDIYOO IJA JABEEYYII TA’AA . . . QAJEELCHITOONNI JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII KANA DEEBISUUF YAALAA:
-
Muuxannoon Aamaandi kunuunsa Yihowaan warra qajeelchaa ta’uuf aarsaa kaffalaniif godhu ilaalchisee maal nu barsiisa?