Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU | WAGGAA TAJAAJILAA ISA HAARAATTI GALMA BAAFADHAA

Hojii Ijaarsaa Irratti Gargaarsa Godhaa

Hojii Ijaarsaa Irratti Gargaarsa Godhaa

Gamoowwan waaqeffannaa Yihowaatiif oolan ijaaruu irratti gargaarsaa gochuun tajaajila qulqulluu keessaa tokko dha. (Bau 36:1) Foormii Hojii Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo Irratti Fedhiidhaan Hirmaachuuf Guutamu (DC-50) jedhamu guutuudhaan piroojektii ijaarsaa sitti dhihoo jiru yeroo yerootti gargaaruu ni dandeessaa? Yookiin Foormii Tajaajila Fedhaa (A-19) jedhamu guutuudhaan piroojektii ijaarsaa bakka ati jiraattu irraa fagoo jiru torban hedduuf gargaaruu ni dandeessaa? Piroojektii tokko irratti gargaarsa gochuuf muuxannoo hojii ijaarsaa qabaachuun dirqama si hin barbaachisu.—Nah 2:1, 4, 5.

VIIDIYOO BALBALA HOJII AMANTIIDHAAN HOJJETAMUUTTI SEENAA—HOJII IJAARSAA IRRATTI GARGAARSA GODHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Saaraan yaaddoo akkamii qabdi turte? Yaaddoo ishii kana mo’uuf maaltu ishii gargaare?