Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Solomon Mootichi haala pirojektiin ijaarsa mana qulqullummaa irra jiru ilaalaa jira

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Jaalala Yihowaaf Qabaniin Kaka’anii Ijaaraniiru

Jaalala Yihowaaf Qabaniin Kaka’anii Ijaaraniiru

Solomoon mana qulqullummaa ijaaruuf mi’awwan sadarkaa olaanaa qaban fayyadameera (1Mo 5:6, 17; w11-AM 2/1 15)

Namoonni hedduun hojii kana irratti hirmaataniiru (1Mo 5:13-16; it-1-E 424; it-2-E 1077 key. 1)

Solomoonii fi sabichi piroojektii kana xumuruuf waggaa torbaaf jabaatanii hojjetaniiru (1Mo 6:38; fakkii qola isaa irra jiru ilaali)

Solomoonii fi sabichi jaalala Yihowaaf qabaniin kaka’anii waan hojjetaniif ulfina Yihowaatiif mana qulqullummaa bareedaa ijaaruu danda’aniiru. Kan nama gaddisiisu garuu, dhaloonni isaan booda jiraatan, jaalalli waaqeffannaa Yihowaadhaaf qaban xiqqaachaa deemeera. Mana qulqullummaa hin kunuunsine, kanaan kan ka’es dhuma irratti manni qulqullummaan kun balleeffameera.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU: ‘Waaqeffannaa Yihowaatiif jaalalan qabu eeggachuuf maal gochaan jira?’