Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Amalli Izraa Yihowaaf Ulfina Fideera

Amalli Izraa Yihowaaf Ulfina Fideera

Izraan Dubbiin Waaqayyoo garaa isaa akka tuquu fi amala isaa akka jijjiiru heyyameera (Iz 7:10; w00-AM 10/1 14 key. 8)

Karaa Izraa namoonni kaan ogummaa Waaqayyoo hubachuu dandaʼaniiru (Iz 7:25; bsi00-AM 16 key. 5)

Izraan Waaqayyo duratti waan gad of qabeef, Yihowaan akka isa qajeelchuu fi akka isa eegu mirkanaaʼaa ture (Iz 8:21-23; it-1-E 1158 key. 4)

Izraan ogummaa Waaqayyoo akka qabu argisiisuun isaa, mootichi itti gaafatamummaa guguddaa akka isaaf kennu isa kakaaseera. Akkuma Izraa nutis amala keenyaan Yihowaaf ulfina fiduu ni dandeenya.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Amala Waaqayyoof ulfina fidu qabaachuu kootiin kan kaʼe namoonni hin amanne na kabajuu?’