BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Miidhaa Cimaa Ajajamuu Diduun Geessisu
Israaʼelonni tokko tokko saboota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii wajjin gaaʼelaan walitti firooman (Iz 9:1, 2; w06-AM 1/15 20 key. 1)
Ajaja ifa taʼee fi Yihowaan isaaniif kenne fudhachuu didanii turan (Iz 9:10-12)
Ajajamuu diduun isaanii ofii isaanii irrattis taʼe maatii isaanii irratti miidhaa guddaa geessiseera (Iz 10:10, 11, 44)
Ajajni Yihowaa hundi faayidaa keenyaaf jedhamee kenname. (w09-AM 10/1 10 key. 6) Ajajamuun yeroo ammaatti rakkina hedduu irraa nu eega, gara fuulduraattimmoo eebba dhuma hin qabne nuuf argamsiisa.
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Yihowaadhaaf ajajamuun koo miidhaa hin barbaachisne irraa kan na eege akkamitti?’