Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kokkinakis v. Greece: Droit réservé

Karaa bitaa gubbaadhaa gara gadiitti: West Virginia State Board of Education v. Barnette; Kokkinakis v. Greece; Taganrog LRO and Others v. Russia; Cha and Others v. South Korea

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Misiraachichaaf Falmuu fi Seera Duratti Fudhatama Akka Argatu Gochuu”

“Misiraachichaaf Falmuu fi Seera Duratti Fudhatama Akka Argatu Gochuu”

Israaʼeloonni mana qulqullummaa deebisanii akka hin ijaarre mormitoonni yommuu isaan dhaabsisuuf yaalanitti, Israaʼelonni hojii isaanii seera qabeessa gochuuf wanta dandaʼan hunda godhaniiru. (Iz 5:11-16) Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis, misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf carraaqaa jiru. (Flp 1:7) Kana galmaan gaʼuuf, bara 1936​tti waajjira muummeetti Kutaan Seeraa hundaaʼeera. Yeroo harʼaatti, Kutaan Seeraa Waajjira Muummee carraaqqii addunyaa maratti hojii Mootummichaatiif falmuuf godhamu qindeessaa jira. Maarree kutaan kun hojii Mootummichaa deggeraa fi saba Waaqayyoo fayyadaa kan jiru akkamitti?

VIIDIYOO KUTAA SEERAA WAAJJIRA MUUMMEETTI ARGAMU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARGAMAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa seeraa wajjin wal qabatee rakkoowwan akkamii isaan mudataniiru?

  • Gama seeraatiin injifannoo akkamii arganneerra? Fakkeenya tokko kenni

  • Tokkoon tokkoon keenya “misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf” maal gochuu dandeenya?

  • Waaʼee dhimmoota seeraa saba Waaqayyoo ilaallatanii fi Dhugaa Baatota Yihowaa sababii amantii isaaniitiif hidhamanii jiranii weebsaayitii keenya irraa iddoo kamii argachuu dandeenya?