Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Hojii Humnaa Hojjechuun Ulfina Kee Akka Tuqu Sitti Dhagaʼamaa?

Hojii Humnaa Hojjechuun Ulfina Kee Akka Tuqu Sitti Dhagaʼamaa?

Lubni olaanaanii fi obboloonni isaa namoota iddoo guddaa qaban taʼanis, dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruun akka isaaniif hin malle itti hin dhagaʼamne (Nah 3:1)

Namoonni beekamoon tokko tokko hojii deebisanii ijaaruu kana irratti hirmaachuuf ‘gad of qabuu’ didaniiru (Nah 3:5; w06-AM 2/1 9 key 9)

Dubartoonni Waaqayyoon sodaatan hojii humnaa irratti fedhiidhaan hirmaataniiru (Nah 3:12; w19.10 23 key. 11)

Hojiiwwan gumii keessatti hojjetamuu qaban hedduun hojii humnaa ykn hojii namoonni akka gad aanaatti ilaalan kan dabalatudha, akkasumas wanta ifatti mulʼatu miti.—w04-AM 8/1 18 key. 16.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Misiraachichaaf jecha waaʼee hojiiwwan akkasii irratti hirmaachuu maaltu natti dhagaʼama?’—1Qo 9:23.