Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Gammachuu Maatii Keetiif Gumaacha Gochuu ni Dandeessa

Gammachuu Maatii Keetiif Gumaacha Gochuu ni Dandeessa

Yihowaan maatiiwwan gammadoo akka taʼan barbaada. (Fr 127:3-5; Lal 9:9; 11:9) Haa taʼu malee, sababa dhiphina addunyaa kanaa fi dogoggora miseensonni maatii raawwataniin gammachuu keenya dhabuu dandeenya. Tokkoon tokkoon miseensa maatii gammachuu maatichaatiif maal gochuu dandaʼa?

Abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina kennuu qaba. (1Ph 3:7) Ishii waliin yeroo dabarsa. Wanta ishii irraa eegu ilaalchisee sababii qabeessadha, akkasumas wanta ishiin isaafis taʼe maatichaaf gootuuf ishii galateeffata. (Qol 3:15) Jaalala ishiidhaaf qabu ni ibsa, akkasumas ishii jajata.—Fak 31:28, 31.

Haati manaa abbaa manaa ishii deggaruuf carraa barbaaddi. (Fak 31:12) Isaaf ni bitamti, akkasumas waltaʼiinsaan isaa wajjin hojjetti. (Qol 3:18) Yeroo isatti haasoftus taʼe waaʼee isaa haasoftu gaarummaadhaan dubbatti.—Fak 31:26.

Warri ijoollee isaanii wajjin yeroo dabarsu. (Kes 6:6, 7) Akka isaan jaallatan ijoollee isaaniitti himu. (Mat 3:17) Yeroo adaba kennanitti jaalalaa fi hubannaadhaan kana godhu.—Efe 6:4.

Ijoolleen warra isaaniitiif ulfina kennuu fi isaaniif ajajamuu qabu. (Fak 23:22) Yaadaa fi miira isaanii warra isaaniitiif ibsu. Adaba warri isaanii isaaniif kennan ni fudhatu, akkasumas kabaja isaanitti argisiisu.—Fak 19:20.

VIIDIYOO MAATII KEESSAN KEESSATTI GAMMACHUU HORADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

• Gammachuu maatichaa dabaluuf tokkoon tokkoon miseensa maatii maal gochuu dandaʼa?