Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Izraan Seericha sabichaaf dubbisaa fi Yihowaa jajachaa jira

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

‘Gammachuun Yihowaa Dahoo Keessani’

‘Gammachuun Yihowaa Dahoo Keessani’

Sabichi yeroo Izraan Seericha dubbisu dhagaʼuuf walitti qabamee ture (Nah 8:1, 2; w13 10/15 21 key. 2; fakkii qola isaa irra jiru ilaali)

Yeroon kun yeroo Yihowaa waaqeffachuudhaan itti gammadanidha malee, yeroo cubbuu kanaan dura raawwatanitti gaddan hin turre (Nah 8:9, 11, 12)

Gammachuun Yihowaa tajaajiltoota isaatiif dahoodha (Nah 8:10; w07 8/1 10-11 key. 9-10)

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Rakkoowwan jiraatanis gammaduuf sababiiwwan adda taʼan akkamiin qaba?’