Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANAA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Duula Addaa Jiʼa Fulbaanaatti Mootummaa Waaqayyoo Beeksisuuf Goonu!

Duula Addaa Jiʼa Fulbaanaatti Mootummaa Waaqayyoo Beeksisuuf Goonu!

Jiʼa Fulbaanaatti, rakkina ilmaan namootaatiif furmaata kan taʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beeksisuuf carraaqqii adda taʼe goona. (Mat 24:14) Duulicha irratti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti? Jiʼichatti hamma siif dandaʼame caqasa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbatu tokko namoota hedduudhaaf dubbisuuf carraaqqii godhi. Namni tokko fedhii akka qabu yoo argisiise Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaa Lakk. 2 2020 tokko kenniif. Nama kana daftee deebitee argachuuf yaali, akkasumas birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamun qoʼannaa jalqabsiisuuf carraaqi. Jiʼa Fulbaanaatti warri qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajiluu barbaadan hundi saʼaatii 15 ykn 30 deebisuu dandaʼu.

Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti mootummoota isa morman hundumaa ni balleessa. (Dan 2:44; 1Qo 15:24, 25) Carraa adda taʼe kanatti fayyadamuudhaan Yihowaa fi Mootummaa isaa akka deggerru haa argisiisnu!