Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Waggaa Tajaajilaa Haaraaf Galmawwan Akkamii Baafatteetta?

Waggaa Tajaajilaa Haaraaf Galmawwan Akkamii Baafatteetta?

Galmawwan hafuuraa caalaatti guutummaatti Yihowaa tajaajiluu fi isa gammachiisuuf jecha wanta jabaannee hojjennu hundumaa dabalatu. Galmawwan akkasii dhugaa keessatti guddina akka goonu waan nu gargaaraniif, yeroo fi humna keenya aarsaa gochuufiin keenya kan nama gaabbisiisu miti. (1Xi 4:15) Galmawwan keenya yeroo yerootti gamaaggamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas haalawwan ni jijjiiramu. Galmi kanaan dura baafanne amma kan bira gaʼuu hin dandeenye taʼuu dandaʼa ykn galmicha irra waan geenyeef kan biraa baafachuun nu barbaachisa taʼa.

Yeroo gaariin galmawwan keenya gamaaggamuu itti dandeenyu waggaan tajaajilaa haaraan jalqabuu isaa dura dha. Waaqeffannaa maatii keessan irratti dhimma kana irratti mariʼachuudhaan galmawwan dhuunfaa fi maatii tokko tokko baafachuu ni dandeessuu?

Haalawwan armaan gadii ilaalchisee galmawwan akkamii qabda, galmawwan kana irra gaʼuufoo tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuuf karoorfatteetta?

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu, qoʼannaa dhuunfaa, walgaʼii irratti argamuu, yaada kennuu.—w02-AM 6/15 14-15 key. 14-15

Tajaajila dirree.—w23.05 27 key. 4-5

Amalawwan Kiristiyaanaa.—w22.04 23 key. 5-6

Kan biroo: